Sagantaa Torban Amajjii 2 Jalqabu
TORBAN AMAJJII 2 JALQABU
Faarfannaa 21fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w08 2/1, ful. 9, key. 6–ful. 11, key. 4 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Isa. 24-28 (Daq. 10)
Lakk. 1: Isa. 27:1-13 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Yihowaan Akka Si Jaallatu Hin Shakkin—Isa. 57:15 (Daq. 5)
Lakk. 3: Bulchitoota Mootummichaa Kan Taʼan Eenyufaʼi?—rs ful. 227, key. 2-4 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Beeksisa. Akkaataa dhiheenyaa Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼeef qophaaʼe fayyadamuudhaan, hojiin argisiisni Sanbadduraa jalqabaa jiʼa Amajjiitti qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka jalqabamu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 15: Yaadawwan Jiʼa Amajjiitti Barruulee Raabsuuf Gargaarany. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko daqiiqaa tokkoo hanga lamaa gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼan fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Babalʼistoonni Dammaqaa! kana naannoo daldalaatti raabsuuf carraaqqiin adda taʼe akka godhan jajjabeessi. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa qophii gumichi kana raawwachuuf godhe akka ibsu afeeri. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni yeroo Dammaqaan! raabsamu argisiisu, naannoo daldalaatti akkamitti raabsamuu akka dandaʼu kan argisiisu haa taʼu.
Faarfannaa 3fi Kadhannaa