Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Guraandhala 27, 2012 jalqabutti kan irratti mariʼatamudha. Mana barumsaa kanaaf torban torbaniin qophaaʼuuf akka gargaarutti, guyyaan barumsichi itti fudhatamu caqasameera.
1. Ooʼi Yihowaa firdiisaa isa qajeelaa ni laaffisa jechuun sirriidhaa? (Isa. 30:18) [Ama. 9, w02-AM 3/1 ful. 30]
2. Shebnaan hoji adeemsistuu mana mootummaa Hisqiyaas taʼee hojjeturraa kaafamuusaarraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? (Isa. 36:2, 3, 22) [Ama. 16, w07-AM 1/15 ful. 9 key. 1]
3. Haalawwan nama dhiphisan moʼuu ilaalchisee seenaa Isaayaas 37:1, 14-20rra jirurraa maal barachuu dandeenya? [Ama. 16, w07-AM 1/15 ful. 9 key. 2-3]
4. Fakkeenyi Isaayaas 40:31rratti caqasame tajaajiltoota Yihowaa kan jajjabeessu akkamitti? [Ama. 23, w96-AM 6/15 ful. 10-11]
5. Wanti Yihowaan Isaayaas 41:14rratti dubbate keessumaa wanta dhiheenyatti raawwatamu ilaalchisee kan nu jajjabeessu akkamitti? [Ama. 23, ip-2-AM ful. 24 key. 16]
6. ‘Qajeelummaa duukaa buʼaa’ akka jirru Yihowaatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Isa. 51:1) [Gur. 6, ip-2-AM ful. 165 key. 2]
7. Isaayaas 53:12rratti “namoota baayʼee” kan jedhaman eenyufaʼi? Akkaataa Yihowaan itti isaanii wajjin walitti dhufeenya godherraa barumsa nama jajjabeessu akkamii argachuu dandeenya? [Gur. 13, ip-2-AM ful. 213 key. 34]
8. Akkuma Isaayaas 60:17rratti fakkeenyaan caqasame sabni Yihowaa guyyoota gara dhumaa keessa jiraatan maal gochaa turaniiru? [Gur. 20, ip-2-AM ful. 316 key. 22]
9. Yesusiifi duuka buutonnisaa “waggaa[n] Waaqayyo biratti jaallatamee fudhatame” akka lallaban ajajaman maalidha? (Isa. 61:2) [Gur. 20, ip-2-AM ful. 324-325 key. 7-8]
10. Amalli Yihowaa inni dinqisiisaan Isaayaas 63:9rratti ibsame maalidha? [Gur. 27, w03 7/1-AM ful. 19 key. 22-23]