Sagantaa Torban Bitootessa 5 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 5 JALQABU
Faarfannaa 45fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w08 6/15 ful. 3 key. 1-ful. 4 key. 5 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Er. 1-4 (Daq. 10)
Lakk. 1: Er. 3:14-25 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Maqaa Waaqayyootiin Waamamuu Akka Ulfinaatti Kan Ilaallu Maaliifi?—Isa. 43:12 (Daq. 5)
Lakk. 3: Mootummaan Waaqayyoo Waraanaafi Addaggummaa Ni Balleessa—rs ful. 229, key. 2-5 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 10: Buukleetii Caaffata Qulqullaaʼoo Guyyaa Guyyaadhaan Qoruu—2012 Jedhamurraa Faayidaa Argadhaa! Haasaa seensa buukleetichaarra gabaabaatti irra deebiʼuudhaan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni caqasa guyyaa guyyaa dubbisuuf sagantaa kan ramadan yoom akka taʼeefi akkas gochuusaaniitiin faayidaa kan argatan akkamitti akka taʼe gaafadhu. Caqasa waggaa 2012tiiff filatamerratti mariʼachuudhaan xumuri.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Bitootessaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Mataduree naannoo tajaajilaa keessaniif mijaaʼaa taʼan tokko tokko daqiiqaa tokkoo hanga lamaa gidduutti ibsi. Achiis, mataduree qola Masaraa Eegumsaarra jirutti fayyadamuudhaan dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namootaa kakaasuu akkamii gaafachuu akka dandaʼaniifi caqasa isa kam dubbisuu akka yaadan gaafadhu. Mataduree qola Dammaqaa! irra Jiru wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yeroon yoo si gaʼe barruu lamaanirraa mataduree kan biraa tokko ibsi. Hojiin argisiisa barruulee lamaanuu akkamitti raabsamuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 28fi Kadhannaa