Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Guraandhala: Gammachuu Maatii? Bitootessa: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Guyyuma jalqaba namoota haasofsiistan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Eblaafi Caamsaa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Fedhii argisiisnaan tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu kennuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.
◼ Matadureen haasaa addaa Dilbata Ayyaana Yaadannootti aanee jirurratti dhihaatu, “Dhumni Barichaa Dhihaateeraa?” kan jedhudha.
◼ Guraandhala 1, 2012 jalqabee Masaraan Eegumsaa maxxansa sabaa mataduree, “Barumsan Macaafa Qulqulluurraa Argadhu” jedhu qabatee baʼa. Matadureen kun warri ijoollee umrii waggaa sadiifi isaa gadii qaban akka itti gargaaramaniif yaadamee kan qophaaʼe siʼa taʼu, jiʼoota matadureewwan “Ijoollee Keessan Barsiisaa,” akkasumas “Dargaggootaaf” jedhan itti hin baanetti baʼa.
◼ Biyyoota teessoonsaanii gabaasa tajaajila waggaa dhihootti baʼee ykn fuula dhumaa Kitaaba Waggaarratti hin baanee dhaquuf yommuu karoorfattan, waajjira damee biyya keessanii gaafachuudhaan of eeggannoo gochuun isin barbaachisuufi qajeelfama hordofuu qabdan mirkaneeffadhaa. Tarii, hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyichatti raawwatan kan dhowwame taʼuu dandaʼa. (Mat. 10:16) Biyyoota tokko tokkotti namoonni biyya alaatii dhaqan, Dhugaa Baatota biyyichaa ykn gumii wajjin wal arguun isaaniif hin heyyamamu taʼa. Barreeffamoota qabachuu dandeessan ykn karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuu ilaalchisees qajeelfamni gara biraan isinii kennamuu dandaʼa. Qajeelfama kennamu hordofuun, isinirras taʼe hojii Mootummichaa biyya isin deemtan keessatti raawwatamurratti rakkoo hin barbaachifne akka hin geenye godha.—1 Qor. 14:33, 40.