Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Yeroo rakkisaa taʼe kanatti, hundi keenya haalawwan nama dhiphisan maatii keessatti nu mudatu. Maarree qajeelfama amansiisaa jireenya maatii keenyaa gammachiisaa gochuuf nu gargaaru eessaa arganna jettee yaadda?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaa 2012 erga kenniteefii booda, matadureewwan xixiqqaa fuula 10fi 11rra jiran keessaa tokko filachuudhaan irratti mariʼadhaa; caqasoota kennaman keessaa yoo xinnaate tokko dubbisaa. Barruulee sana erga kenniteefii booda, gaaffiiwwan hafan keessaa isa tokkorratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaa
Qola baruu kanaa itti argisiisuudhaan akkas jedhii gaafadhu: “Waaqayyoon ilaalchisee wanti sitti himame soba akka taʼe utuu hubattee maaltu sitti dhagaʼama? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yaada Yesus dhugaa sobarraa addaan baasuuf gargaaru ilaalchisee dubbate kana ilaali. [Yohannis 17:17 dubbisi.] Kanaaf waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa nutti himuu Macaafa Qulqulluu qofadha. Barruun kun, Waaqayyoon ilaalchisee sobawwan dubbataman shan saaxila.”
Dammaqaa! Bitootessa
“Namootaa wajjin rakkina baramaa dhufee ilaalchisee mariʼachaa jirra. Namoonni yeroo ammaa aariisaanii toʼachuun kan isaanitti ulfaachaa jiru taʼuusaarrayyuu, aariinsaanii ittuma caalaa kan dhufe fakkaata. Wanti kanaaf sababii taʼu maalidha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Wanta Macaafni Qulqulluun aarii ilaalchisee dubbatu kana qalbeeffadhu. [Faarfannaa 37:8 dubbisi.] Barruun kun, sababiiwwan aariin ittuma caalaa akka adeemu godhaniifi karaa aarii keenya toʼachuu itti dandeenyu ibsa”