Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Namoonni heduun waaʼee Yesus ilaalcha baayʼee garaagara taʼe qabu. Haataʼu malee waaʼee Yesus dhugaasaa beekuun barbaachisaa sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yohannis 17:3 dubbisi.] Barruun kun Yesus eessaa akka dhufe, akkamitti akka jiraateefi maaliif akka duʼe ilaachisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu ibsa.”
Adoolessaa-Fulbaanaa
“Waaqayyo hammeenyiifi dhiphinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dhimma kana ilaalchisee yaada gaarii tokko utuun sitti himee natti tola.” Yaadaafi caqasa Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa mataduree xiqqaa isa jalqabaa jala jiran waliin dubbisaa. Barruu sana erga kenniteefii booda gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Dammaqaa! Fulbaana
Yeroo harʼaatti namoonni hedduun rakkinni qarshii isaan mudatu isaan dhiphisa. Wantoota buʼuuraa jireenyaaf barbaachisan argachuun baayʼee rakkisaa kan taʼe maaliif sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun gorsa Macaafa Qulqulluu keessa jiru hojiirra oolchuudhaan qarshiisaaniitti sirriitti fayyadamuu dandaʼaniiru. [Caqasoota fuula 8-9rra jiran keessaa tokko dubbisi.] Barruun kun yaada gaarii namoota liqii isaanirra jiru kaffaluu dadhaban gargaaru qabateera.”