Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Bitootessa: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Guyyuma jalqaba namoota haasofsiistan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Eblaafi Caamsaa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Fedhii argisiisnaan tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu kennuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Waxabajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Guyyuma jalqaba namoota haasofsiistan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.
◼ Ayyaanni Yaadannoo Kamisa, Ebla 5, 2012 (Bitootessa 27, 2004) kabajama. Gumiin keessan Kamisa walgaʼii kan qabu yoo taʼe, walgaʼii kana guyyaa garabiraa Galma Mootummaatti walgaʼiin hin godhamnetti jijjiiruu dandeessu. Kun kan hin dandaʼamneefi walgaʼii tajaajilaa keessan kan isin duraa hambisu yoo taʼemmoo, kutaawwan baayʼee barbaachisaa taʼan Walgaʼii Tajaajilaa yeroo gara biraa godhamurratti dabaltanii dhiheessuu dandeessu.
◼ Viidiyoon lamaan Gaaffii Dargaggootaa—Hiriyaa Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti? akkasumas Jireenyakoo Akkamitti Yoon Itti Fayyadame Wayya? jedhaman Walgaʼiiwwan Tajaajilaa ittaananirratti irratti mariʼatamu. Barbaachisaa yoo taʼe, karaa gumii keessanii daftanii ajajachuu dandeessu.
◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKA JIRAN: Afaan Sumaalee: Tiraaktii: Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa?; Oromoo: Birooshura: Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu.
◼ BARREEFFAMOOTA AMMAS NU HARKA JIRAN: Afaan Chaayinaa: Tiraaktii Lakk. 15; Ingiliffa: Konkordaansii.