Sagantaa Torban Ebla 2 Jalqabu
TORBAN EBLA 2 JALQABU
Faarfannaa 8fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w08 6/15 ful. 28 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q: Er. 17-21 (Daq. 10)
Lakk. 1: Er. 21:1-10 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Bulchiinsi Seexanaa Maal Mirkaneesseera? (Daq. 5)
Lakk. 3: Qabeenya Hordofuun Maatii Keessan Akka Qoqqoodu Hin Heyyaminaa—fy ful. 140-141, key. 26-28 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Beeksisa. Akkaataa dhiheenyaa Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti nu gaʼeef qophaaʼetti fayyadamuudhaan, hojiin argisiisa Sanbadduraa jalqabaa jiʼa Eblaatti akkamitti qayyabanna Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Eblaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko daqiiqaa tokkoo hanga lamaa gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 30fi Kadhannaa