Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa
Namoonni baayʼeen uumama ilaaluun isaan gammachiisa. Uumamni, yaadaafi miira Uumaa keenyaa akka mulʼisu kan hubatan garuu muraasasaaniiti. (Rom. 1:20) Waggoota dheeraa dura, Daawit karaa Dubbiisaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffameen waaʼee Yihowaa baratee ture. Haataʼu malee uumama ‘ilaaluudhaanis’ gara Isaatti dhihaateera. (Far. 8:3, 4) Viidiyoon mataduree Za Wandarsi oov Kiriʼeeshin Riviil Goodsi Giloorii (Uumamni Dinqisiisaan ulfina Waaqayyoo mulʼisa) jedhu qabu, nuti, ijoolleen keenyaafi namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, uumama tokko tokko ilaaluudhaan waaʼee amalawwaniifi eenyummaa Uumaa keenya isa guddaa hubannee caalaatti akka isatti dhihaannu nu godha. Viidiyoo kana erga ilaaltee booda gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali.
(1) Balʼinni hawaafi akkaataan taaʼumsa uumamawwan isa keessatti argamanii dinqisiifannaa ati Yihowaaf qabdu kan sii cimsu akkamitti? (Isa. 40:26) (2) Bishaan xiyyeeffannaadhaan yommuu ilaalu, waaʼee Waaqa isa bishaan uumee maal barachuu dandeenya? (Mul. 14:7) (3) Guddinni lafaafi fageenyi isheen aduurraa qabdu ogummaa Waaqayyoo kan mirkaneessu akkamitti? (4) Faayidaan jiʼaa maalidha? (Far. 89:37) (5) Yihowaan namoonni jireenyatti akka gammadan godhee kan uume akkamitti? (6) DNAn maalidha? (Far. 139:16) (7) Uumama Yihowaa warra lafarratti argaman keessaa namni adda kan taʼe akkamitti? (Uma. 1:26) (8) Addunyaa haaraa keessatti maalfaatu taʼa jettee eegda?
Kutaa Dabalataa: (9) Halluuwwan eenyutu uume? (10) Bishaan akkamitti harkisa lafaa moʼuudhaan hamma fiixee mukaatti ol baʼuu dandaʼa? (11) Bishaan qaama keenyaaf faayidaa akkamii kenna? (12) Walii galtee lubbu qabeeyyii gidduu jiru ilaalchisee fakkeenyota tokko tokko caqasi. (13) Uumamni tokko uumama kan biraa wajjin michooma uumuu baru kan dandaʼu akkamitti? (14) “Gooldan aangliin” maalidha? Uumamarratti kan mulʼatehoo akkamitti?
Uumama Yihowaa Xiyyeeffannaadhaan “Ilaalaa”: Yesus ‘Simbirroota qilleensa irraafi daraarota bakkee akka ilaallu’ nu jajjabeesseera. (Mat. 6:26, 28) Akkas gochuun amantii keenya nuu cimsa, amanannaa Uumaa keenyarratti qabnu nuu jabeessa, akkasumas dinqisiifannaa nuti ogummaasaa, humna fayyisuusaafi jaalalasaatiif qabnu nuu guddisa. Wanta namoonni hojjetan irratti xiyyeeffachuu mannaa, yeroo ramadnee uumamawwan Yihowaa warra dinqisiisoo taʼan ilaaluuf carraaqqii gochuudhaan waaʼee Waaqa keenyaa wanta isaan nutti himan baruuf carraaqqii haa goonu.—Far. 19:1.