LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Guraandhala ful. 3
  • Amalawwan Waaqayyoo Warra Ijaan hin Argamne ni Hubattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amalawwan Waaqayyoo Warra Ijaan hin Argamne ni Hubattaa?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Waaʼee Yihowaa Uumamarraa Caalaatti Baradhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Waaʼee Yihowaa Ijoollee Keessan Barsiisuuf Uumamatti Fayyadamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Uumamni Jaalala Yihowaa kan Mulʼisu Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Guraandhala ful. 3

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Amalawwan Waaqayyoo Warra Ijaan hin Argamne ni Hubattaa?

Yommuu abaaboowwan halluu garaagaraa qaban, samii urjiiwwaniin guutaman, fincaaʼaawwan humna guddaa qaban argitan hojiin Uumaa isinitti mulʼataa? Uumamawwan naannoo keenyatti argaman, amalawwan Yihowaa warra ijaan hin argamne ifatti mulʼisu. (Rom 1:20) Takka dhaabannee wanta ijaan argine irratti xiinxalluudhaan, humna, jaalala, ogummaa fi haqa, akkasumas arjummaa Yihowaa hubachuu dandeenya.—Far 104:24.

Guyyaa guyyaatti wantoota Yihowaan uume kamfaa argita? Magaalaa keessa kan jiraattan yoo taʼe illee, sinbirootaa ykn mukkeen arguu dandeessu taʼa. Uumamawwan Yihowaa xiyyeeffanaadhaan ilaaluun keenya, dhiphina keenya hirʼisuudhaan wantoota barbaachisoo taʼan irratti akka xiyyeeffannuu fi dandeettii Yihowaan bara baraaf nu kunuunsuuf qabu irratti amantiin qabnu akka guddatu gochuu dandaʼu. (Mat 6:25-32) Ijoollee yoo qabaattan, amalawwan Yihowaa warreen gita hin qabne hubachuu akka dandaʼan isaan gargaaraa. Dinqisiifannaan uumamawwan naannoo keenyatti argamaniif qabnu guddaachaa yommuu deemu, caalaatti Uumaa keenyattii dhihaachaa deemna.—Far 8:3, 4.

VIIDIYOO UUMAMNI DINQISIISAAN ULFINA WAAQAYYOO MULʼISA—IFAA FI HALLUU JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Keemikaalonni uumamawwan irra jiran halluuwwan arguuf kan nu dandeessisan akkamitti?

  • Wanti bifa tokko kallattii gara garaatiin yommuu ilaallu bifa adda addaa akka arginu godhu maali dha?

  • Samii irratti halluuwwan gara garaa kan arginu maaliifi?

  • Halluuwwan dinqisiisoo uumamaan naannoo keessan keessatti argaman akkamii argitanii beektu?

  • Yeroo ramaduudhaan uumamawwan addunyaa keenya keessatti argaman xiyyeeffanaadhaan ilaaluu kan qabnu maaliifi?

Abaaboo bildiimaa, billaacha cuquliisa, firiiwwan halluu garaa garaa qabanii fi biiftuu fagootii mulʼattu

Ifnii fi halluun amalawwan Yihowaa warra ijaan hin argamne akkamii mulʼisu?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi