LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 3/12 ful. 3
  • Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaʼee Yihowaa Uumamarraa Caalaatti Baradhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Amalawwan Waaqayyoo Warra Ijaan hin Argamne ni Hubattaa?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Waaʼee Yihowaa Ijoollee Keessan Barsiisuuf Uumamatti Fayyadamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Uumamni Jaalala Yihowaa kan Mulʼisu Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2012
km 3/12 ful. 3

Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa

Namoonni baayʼeen uumama ilaaluun isaan gammachiisa. Uumamni, yaadaafi miira Uumaa keenyaa akka mulʼisu kan hubatan garuu muraasasaaniiti. (Rom. 1:20) Waggoota dheeraa dura, Daawit karaa Dubbiisaa isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffameen waaʼee Yihowaa baratee ture. Haataʼu malee uumama ‘ilaaluudhaanis’ gara Isaatti dhihaateera. (Far. 8:3, 4) Viidiyoon mataduree Za Wandarsi oov Kiriʼeeshin Riviil Goodsi Giloorii (Uumamni Dinqisiisaan ulfina Waaqayyoo mulʼisa) jedhu qabu, nuti, ijoolleen keenyaafi namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, uumama tokko tokko ilaaluudhaan waaʼee amalawwaniifi eenyummaa Uumaa keenya isa guddaa hubannee caalaatti akka isatti dhihaannu nu godha. Viidiyoo kana erga ilaaltee booda gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali.

(1) Balʼinni hawaafi akkaataan taaʼumsa uumamawwan isa keessatti argamanii dinqisiifannaa ati Yihowaaf qabdu kan sii cimsu akkamitti? (Isa. 40:26) (2) Bishaan xiyyeeffannaadhaan yommuu ilaalu, waaʼee Waaqa isa bishaan uumee maal barachuu dandeenya? (Mul. 14:7) (3) Guddinni lafaafi fageenyi isheen aduurraa qabdu ogummaa Waaqayyoo kan mirkaneessu akkamitti? (4) Faayidaan jiʼaa maalidha? (Far. 89:37) (5) Yihowaan namoonni jireenyatti akka gammadan godhee kan uume akkamitti? (6) DNAn maalidha? (Far. 139:16) (7) Uumama Yihowaa warra lafarratti argaman keessaa namni adda kan taʼe akkamitti? (Uma. 1:26) (8) Addunyaa haaraa keessatti maalfaatu taʼa jettee eegda?

Kutaa Dabalataa: (9) Halluuwwan eenyutu uume? (10) Bishaan akkamitti harkisa lafaa moʼuudhaan hamma fiixee mukaatti ol baʼuu dandaʼa? (11) Bishaan qaama keenyaaf faayidaa akkamii kenna? (12) Walii galtee lubbu qabeeyyii gidduu jiru ilaalchisee fakkeenyota tokko tokko caqasi. (13) Uumamni tokko​ uumama kan biraa wajjin michooma uumuu baru kan dandaʼu akkamitti? (14) “Gooldan aangliin” maalidha? Uumamarratti kan mulʼatehoo akkamitti?

Uumama Yihowaa Xiyyeeffannaadhaan “Ilaalaa”: Yesus ‘Simbirroota qilleensa irraafi daraarota bakkee akka ilaallu’ nu jajjabeesseera. (Mat. 6:26, 28) Akkas gochuun amantii keenya nuu cimsa, amanannaa Uumaa keenyarratti qabnu nuu jabeessa, akkasumas dinqisiifannaa nuti ogummaasaa, humna fayyisuusaafi jaalalasaatiif qabnu nuu guddisa. Wanta namoonni hojjetan irratti xiyyeeffachuu mannaa, yeroo ramadnee uumamawwan Yihowaa warra dinqisiisoo taʼan ilaaluuf carraaqqii gochuudhaan waaʼee Waaqa keenyaa wanta isaan nutti himan baruuf carraaqqii haa goonu.—Far. 19:1.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi