Sagantaa Torban Bitootessa 26 Jalqabu
TORBAN BITOOTESSA 26 JALQABU
Faarfannaa 47fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w08 6/15 ful. 27 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Er. 12-16 (Daq. 10)
Lakk. 1: Er. 13:1-14 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Maxinoofi Waynii Irbaata Gooftaarraa Hirmaachuu Kan Qaban Eenyufaʼi?—rs ful. 267, key. 2-3 (Daq. 5)
Lakk. 3: Ayyaanni Yaadannoo Kabajamuu Kan Qabu Yeroo Hangamii Gidduutti? Kan Kabajamuhoo Yoomi?—rs ful. 268, key. 2-3 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa. Naannoowwan tajaajilaa gumichi waraqaa afeerrii Ayyaana Yaadannoo itti hin raabsine meeqa akka taʼe dubbadhu.
Daq. 10: Keessummoota Simachuu Hin Dagatinaa. (Ibr. 13:1, 2) Haasaa jaarsaan dhihaatu. Qophii gumichi Ayyaana Yaadannootiif godhe ibsi. Karaawwan hundisaanii namoota Ayyaana Yaadannoorratti argamaniifi babalʼistoota qabbanaaʼaniif simannaa hoʼaa gochuu itti dandaʼamu tokko tokko dubbadhu. Hojiin argisiisni gabaabaan kutaa lama qabu akka dhihaatu godhi. Isa jalqabaarratti keessummaa waraqaan afeerrii isa gaʼee Ayyaana kanarratti argameef babalʼisaan tokko sagantaan jalqabuusaa dura simannaa hoʼaa yommuu isaaf godhuuf kan argisiisu. Isa lammaffaarrattimmoo, babalʼisichi erga sagantaan xumuramee booda fedhii nama sanaa caalaatti kakaasuuf carraaqqii dabalataa gochuudhaan yommuu beellama qabatu kan argisiisu.
Daq. 20: “Uumamni Dinqisiisaan ulfina Waaqayyoo mulʼisa.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Yaadawwan keeyyata jalqabaafi xumurarratti argaman, yaada seensaafi xumuraa godhii gabaabaatti itti fayyadami. Fiilmii kana ilaaluunsaanii akkamitti akka isaan fayyade akka dubbatan dhaggeeffattoota afeeri. Tajaajilarratti fiilmii kanatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼadhaa.
Faarfannaa 15fi Kadhannaa