Naannoo Daldalaatti Ija Jabinaan Dhugaa Baʼuu
1. Naannoo daldalaatti dhugaa baʼuun yoo nu sodaachise abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?
1 Naannoo daldalaatti dhugaa baʼuun si sodaachisaa? Yoo taʼe abdii hin kutatin. Phaawulos inni ija jabeessa tureyyuu, lallabuuf ‘ija jabinni’ isa barbaachisee ture. (1 Tas. 2:2) Wantoonni si mudachuu dandaʼaniifi malawwan haala kana itti moʼuu dandeessu armaan gaditti ibsamaniiru.
2. Hojjettoonni ni aaru jennee yaaddaʼuu kan hin qabne maaliifi?
2 Hojiisaanii Gidduutti Dhaabsisuun Isaan Aarsuu Dandaʼaa Laata? Namoonni hojii daldalaarratti bobbaʼan uummata waan tajaajilaniif, wanti hojiisaanii gidduutti isaan dhaabsisu akka isaan mudatu beeku. Maamila nuu taʼa jedhanii waan yaadaniif yeroo baayʼee kabajaan si haasofsiisu. Uffannaa gaarii uffachuu, miira hoʼaafi fuula ifaadhaan isaan haasofsiisuunkee kabajaan akka si haasofsiisan isaan kakaasuu dandaʼa.
3. Maamiltoota aarsuurraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Bakka Maamiltoonni Baayʼeen Jiranitti Itti Himuun Qabaa? Dandaʼamnaan yeroo gabaan itti hin baayʼanne filadhu. Fakkeenyaaf jalqaba yeroo isaan suuqii banan taʼuu dandaʼa. Namni itti gaafatamaa taʼe ykn namni achi keessaa daldalu hanga qofaasaa taʼutti eegi. Akkaataan dhiheenyaakee gabaabaa haa taʼu.
4. Naannoo daldalaatti yeroo tajaajillu maal jennee namoota haasofsiisuu dandeenya?
4 Maal Jechuun Qaba? Hojjettoota baayʼeen kan jiran yoo taʼe, nama itti gaafatamummaa qabu haasofsiisi. Akkas jechuu dandeessa: “Daldaltoota manasaaniitti argachuun baayʼee rakkisaa waan taʼeefan bakka hojii keessaniitti isin haasofsiisuun dhufe. Amma hojiirra akka jirtan beeka. Kanaaf ergaakoo gabaabseen isinitti hima.” Daldaltoota akka taane godhanii akka hin yaanneef, hojiin keenya akkamitti akka hojjetamu yoo nu gaafatan malee buusii akka godhan gaafachuun barbaachisaa miti. Gosa hojichaa tilmaama keessa galchuudhaan, ergaakee gabaabsitee hojjettoota achi keessaatti argamanitti himuuf nama itti gaafatamummaa qabu heyyama gaafachuu dandeessa. Ergaa isatti himtee turte irra deebiʼii hojjettootatti himi. Hojjetaan sun hojiidhaan muddamee kan jiru yoo taʼe yaada gabaabaa itti himiitii tiraaktii kenniif. Hojjettootatti dubbachuun hin dandaʼamu taanaan, bakka isaan boqonnaa itti fudhatanitti ykn iddoo baramaa taʼe tokkotti barreeffama keesseefii akka deemtu sii heyyamuu dandaʼa taʼa.
5. Bakka daldalaatti ija jabinaan lallabuuf sababiiwwan akkamii qabna?
5 Yesusiifi Phaawulos bakka daldalaatti namootaaf ija jabinaan lallabaniiru; atis akkasuma gochuu dandeessa. (Mat. 4:18-21, 9:9; HoE. 17:17) Tasgabbiifi ija jabina akka sii kennuuf Yihowaa kadhadhu. (HoE. 4:29) Naannoowwan daldalaatti yommuu tajaajillu nama argachuu hin dandeenye hin qabnu jechuun ni dandaʼama. Kanaaf, bifa tajaajilaa buʼa qabeessa taʼe kanarratti hirmaachuuf maaliif yaalii hin gootu?