Mala Tajaajilaa Haaraa Bakka Namoonni Baay’inaan Argamanitti Dhugaa Ba’uuf Gargaaru
1. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa fakkeenya akkamii nuuf kaa’aniiru?
1 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, manaa gara manaa deemanii lallabuu malees wanta godhan qabu turan. Bakka namoonni baay’inaan argamanitti lallabaniiru. (HoE. 20:20) Fakkeenyaaf, mana qulqullummaa bakka itti namni baay’een akka argamu beekan dhaquudhaan lallabaa turan. (HoE. 5:42) Phaawulos yommuu biyya Ateenaa ture guyyaa guyyaadhaan namoota gabaa keessatti argamaniif lallabeera. (HoE. 17:17) Yeroo har’aa, mala misiraachoo Mootummichaa babal’isuuf nu gargaaru keessaa inni jalqabaa manaa gara manaa tajaajiluudha. Haata’u malee, bakka konkolaataan dhaabatu, naannoo daldalaa, iddoo bashannanaa, bakka namoonni itti baay’atan ykn iddoowwan kan biraa dhaquudhaanis ni lallabna. Babal’istoonni hundi bakka namoonni argamaniifi lallabuu danda’an hunda deemuudhaan akka lallaban kan jajjabeeffaman ta’us, baay’eensaanii malawwan haaraa lamaan bakka namoonni baay’inaan argamanitti lallabuuf isaan gargaaranitti fayyadamuu qabu.
2. Sadaasa 2011tti malli tajaajilaa haaraan akka yaaliitti jalqabame maal ture?
2 Tajaajila Addaa Magaalaa Gurguddaa Keessatti Raawwatamu: Kitaaba Waggaa 2013 fuula 16fi 17rratti akkuma ibsame, Sadaasa 2011tti malli tajaajilaa haaraan Niiwu Yoork Siitii keessatti akka yaaliitti jalqabamee ture. Minjaalaafi gaariirra barreeffamoota afaan addaddaa kaa’uudhaan karaa namoonni baay’inaan irra deddeebi’anirra kaa’an. Karaa kanarra guyyaa guyyaadhaan namoonni kumaan lakkaa’aman kan deeman si’a ta’u, baay’eensaanii appaartaamaa keessa kan jiraataniifi namoota manasaaniitti hin argamnedha. Bu’aan argame baay’ee nama ajaa’ibsiisa. Ji’a tokko keessatti barruuleen 3,797fi kitaabonni 7,986 raabsamaniiru. Namoota karaa sanarra darban keessaa baay’eensaanii Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gaafataniiru. Kaayyoonsaanii inni guddaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu waan ta’eef, teessoon namoota fedhii akka qaban argisiisanii hatattamaan gumiiwwan gargaaruu danda’anitti ergameera.
3. Malli tajaajilaa haaraa ta’e kun akkamitti babal’achuu danda’a?
3 Malli tajaajilaa haaraan kun milkaa’ina waan argamsiiseef, magaalaawwan uummanni itti baay’ataniifi addunyaa mara jiran kanneen biroo keessattis hojiirra akka oolu godhama. Waajjiroonni damee magaalaawwan biyyasaanii keessatti argaman keessaa isa kam keessatti yoo hojjetame gaarii akka ta’u murteessu. Yeroo baay’ee magaalaawwan kun buufata otoobisii ykn biiroowwan hedduu, yookiinimmoo naannoo appaartaamaa namoonni hedduun ba’anii galan kan qabu ta’uu danda’a. Sana booda, waajjirri damee gumiiwwan hojii kanarratti hirmaatan beeksisuufi qajeelfama dabalataa kennuuf xalayaa barreessa. Qajeelchitoonniifi qajeelchitoonni addaa hojii kanarratti kan hirmaatan si’a ta’u, bakka tokko tokkottimmoo obboloonni qajeelchaa gargaaraa ta’anis hojii kanarratti hirmaachuu danda’u.
4. Tajaajilli addaa magaalaa gurguddaa keessatti godhamu kan hojjetamu akkamitti?
4 Akkaataa Itti Lallabamu: Obboloonni mala addaa bakka namoonni baay’inaan argamanitti lallabuuf gargaaru kanarratti hirmaatan, namoota bakka barreeffamoonni kun kaa’amanii jiran dhufan dhaabatanii eegu. Namni sun yommuu isaanitti dhihaatu barreeffama qalbiisaa hawwate akka fudhatu isa afeeru. Qajeelchitoonni gaaffii namni sun gaafatu kamiifuu Caaffata Qulqullaa’oorraa gammachuudhaan isaaf deebisu. Yoo inni barreeffama fudhate, obboloonni sun buusii akka inni godhu isa hin gaafatan. Haata’u malee, hojiin kun akkamitti akka hojjetamu yoo gaafate, namni buusii gochuu barbaadu teessoowwan barreeffamoota sanarratti argaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan buusii akka godhu ibsuufii danda’u. Haallisaa mijata yoo ta’emmoo akkas jedhanii gaafachuu danda’u: “Namni tokko manatti dhufee akka si haasofsiisu ni barbaaddaa?” ykn “Barreeffamoota kana kennuu qofa utuu hin ta’in, kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu akka nama qayyabsiisnu beektaa?”
5. Hiriyaan gaa’elaa tokko mala tajaajilaa haaraa kanarratti hirmaachuusaanii eebba akkamii isaaniif argamsiise?
5 Mala tajaajilaa haaraa ta’e kanarratti hirmaachuun kan nama kiisudha. Hiriyoonni gaa’elaa lama akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Minjaala sana bira dhaabatanii namoota kumaan lakkaa’amaniifi guyyaa guyyaadhaan karaa sanarra darban ilaaluun, hojii bal’aa namoonni addunyaa mara jiran misiraachicha akka dhaga’an gochuuf hojjetamaa jiru akka dinqisiifannu nu godheera. Bakka kanatti namoota baay’ee arguun keenyaafi Yihowaan tokkoon tokkoonsaaniitiif kan yaadu ta’uusaarratti xiinxaluun keenya, jireenya keenya keessatti hojii lallabaa dursuudhaaf murtoo goone nuu cimseera. Yihowaan garaa namoota minjaala kana bira darbanii qoruudhaan warra misiraachoon kun isaaniif malu addaan baasaa jira jennee yaanna. Ergamoota Waaqayyoo hidhata hojii keenyaa ta’anitti baay’ee akka dhihaanne nutti dhaga’ama.”
6. (a) Gumiiwwan hedduu keessatti mala tajaajilaa haaraa kan biraa akkamiitu qindeeffamaa jira? Malli kunoo tajaajila addaa magaalaa gurguddaa keessatti godhamurraa adda kan ta’e akkamitti? (b) Gumiiwwan bakka namoonni baay’inaan argamanitti yommuu tajaajilan wal gargaaruu kan danda’an akkamitti?
6 Mala Tajaajilaa Haala Naannoorratti Hundaa’uudhaan Qindeeffamu: Tajaajila addaa magaalaa gurguddaa keessatti godhamu malees, qaamni jaarsolii naannoo tajaajilaasaanii keessatti mala tajaajilaa haaraa kan biraa qindeessaa jiru. Mala haaraa kanarratti, babal’istoonni naannoo tajaaajilaasaanii keessaa utuu hin ba’in karaa namoonni baay’inaan irra deddeebi’anirra minjaala gommaa qabutti fayyadamuudhaan tajaajilu. Malli kun tajaajila addaa magaalaa gurguddaa keessatti godhamurraa addadha. Tajaajila addaa magaalaa gurguddaa keessatti godhamurratti kan hirmaatan, obboloota gumii addaddaarraa dhufan si’a ta’u, naannoo namoonni baay’atanitti wal faana hojjetu. Magaalaa isaan itti hojjetan kan filatummoo waajjira dameedha.—Saanduqa, “Qindoominaan Hojjechuun Barbaachisaadha” jedhu ilaali.
7. Malli tajaajilaa haala naannoorratti hundaa’uudhaan qindeeffamu kan hojjetamu naannoowwan akkamiitti? Jaarsoliin gumii hojii kana kan qindeessanoo akkamitti?
7 Jaarsoliin, naannoon tajaajilaasaanii daandii namoonni baay’inaan irra deddeebi’an qaba taanaan, mala tajaajilaa kana qopheessuun kan isaan barbaachisu ta’uufi dhiisuusaa adda baafachuu qabu. Minjaala ykn gaarii barreeffamoota qabatanii jiran kaa’uun kan danda’amu, buufata otoobisii, bakka namoonni baay’inaan argaman, bakka konkolaataan dhaabatu, daandii namoonni baay’inaan irra deeman, naannoo gabaa, mana yaalaa, kiliinikaafi bakka gamoowwan gurguddaan argamanittidha. Minjaala sana bakka, guyyaafi yeroo wal fakkaataa ta’etti fayyadamuudhaan kaa’uun faayidaa qaba. Iddoowwan kanneen akka daandii namoonni lafoon irra deemanii jiran, minjaala xixinnoo gommaa qabaniifi barreeffamoonni irra kaa’amaniif irra caalaa kan mijatu ta’uu danda’a. Jaarsoliin gumii faayilli addaa Masaraa Eegumsaa, Dammaqaa! akkasumas barreeffamoota kan biraa Weeb saayitii keenyarratti waan ba’uuf garagalfachuu danda’u. Faayiloonni kun keessumaa mala tajaajilaa addaa kanaaf kan qophaa’anidha. Babal’istoonni mala tajaajilaa addaa magaalaa gurguddaa keessatti godhamuuf qophaa’etti fayyadamuudhaan kan hojjetan si’a ta’u, qajeelfama ilaaltuun olaanaa tajaajilaa isaaniif kennu sirriitti hordofuu qabu. Teessoo nama fedhii argisiiseefi naannoo tajaajilaasaanii keessa hin jiraannee yommuu fudhatan, hatattamaan foormii Hordofaa Gargaaraa (S-43) jedhamu guutuudhaan barreessaa gumiitti kennuu qabu.
8. Gumii keessan keessatti bakka namoonni baay’inaan argamanitti lallabuuf qophiin godhame hin jiru taanaan, tajaajila akkasiirratti hirmaachuuf carraa akkamii qabdu?
8 Naannoo Tajaajilaa Keessan Keessatti Bakka Namoonni Baay’inaan Argamanitti Tajaajiluu: Gumiiwwan tokko tokko naannoo tajaajilaa daandii namoonni lafoon baay’inaan irra deeman waan hin qabneef minjaala ykn gaarii barreeffamoota qabate karaarra kaa’uun isaan hin barbaachisu ta’a. Haata’u malee, gumiiwwan akkasii keessattis babal’istoonni bakka namoonni baay’inaan argamanitti akka tajaajilan jajjabeeffamu. Naannoo tajaajilaakee keessa gabaan ykn suuqiin jiraa? Bakka konkolaataan dhaabatu ykn bakka namoonni baay’inaan itti walitti qabaman qabaa? Iddoo namoonni yeroo yeroodhaan itti walitti qabaman qabaa? Taanaan, carraa bakka namoonni baay’inaan argamanitti lallabuu qabdaa jechuudha.
9. Bakka namoonni argamuu danda’an hundatti lallabuuf carraaqqii cimaa gochuu kan qabnu maaliifi?
9 Yihowaan, “Namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha.” (1 Xim. 2:4) Kanaaf, guyyaan dhumaa dhufuusaa dura ergaa Mootummichaa hamma dandeenye namoota hedduudhaan ga’uuf carraaqna. (Mat. 24:14) Naannoo hedduutti namoota manasaaniitti argachuun baay’ee rakkisaadha. Haata’u malee, bakka namoonni baay’inaan argamanitti isaan argachuudhaan wajjin mari’achuu dandeenya. Namoonni tokko tokko misiraachoo Mootummichaa dhaga’uuf carraa kan argatan, bakka namoonni baay’inaan argaman qofatti ta’uu danda’a. Kanaaf, bakka namoonni argamuu danda’an hundatti lallabuudhaan tajaajila keenya guutummaatti haa raawwannu.—2 Xim. 4:5.
Qindoominaan Hojjechuun Barbaachisaadha
Babal’istoonni gumii addaddaa keessa jiran, yeroo tokko tokko bakka namoonni baay’inaan argamanitti lallabuuf karaa tokkorra, buufata otoobisii tokko keessa, akkasumas bakka daldalaa ykn bakka konkolaataan dhaabatu tokkotti akka tajaajilan hubatameera. Babal’istoonni gumii addaddaa keessa jiran, kutaa keessummoota itti simatan, bakka taa’anii nama itti eeganiifi bakka uffata itti miican keessa barreeffamoota keenya kaa’aniiru ykn naannoo daldalaa tokko keessa tajaajilaniiru. Kunimmoo namoonni daldalarratti hirmaataniifi namoonni ollaa babal’istoonni yeroo tokkotti isaaniif lallabuu baatanis, akka rifatan godheera. Kanaaf, Naannoo tajaajilaa gumii keenyaaf ramadame keessa qofatti tajaajiluun keenya gaarii ta’uu danda’a.
Babal’istoonni gumii kan biraa dhaqanii tajaajiluu yoo barbaadan, ilaaltuu olaanaa tajaajilaa gumiisaanii keessa jiruu wajjin mari’achuu qabu. Innis babal’istoonni gumiisaa keessa jiran naannoo tajaajilaa gumii kan biraa keessa dhaqanii tajaajiluusaanii dura ilaaltuu olaanaa gumii sanaa heyyamsiisuu qaba. Gumiin afaan garabiraatiin geggeeffamu naannoo tajaajilaasaatiin ala tajaajiluu kan danda’u ta’us, namoonni akka hin rifanne gochuuf ilaaltuun olaanaa tajaajilaa gumii lamaan keessa jiran waliin mari’achuu qabu. Qindoomina gaarii qabaachuudhaan, ‘wanti hundinuu akka tolutti, sabiriidhaanis akka hojjetamu gochuun ni danda’ama.’—1 Qor. 14:40.