Bakka Namoonni Baay’inaan Argamanitti Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Lallabuu
1 Akkuma bartoota Yesus jaarraa jalqabaatti, Kiristiyaanonni yeroo har’aatti argamanis, bakka argatan hundaatti misiraachoo namootatti himuuf carraaqu. (HoE. 16:13; 17:17; 20:20, 21) Bakka namoonni baay’inaan argamanitti lallabuuf carraaqii gochuunsaanii, namoota fedhii qaban kan yeroo manaa gara manaa tajaajilanitti hin arganne argachuuf isaan dandeessiseera.
2 Bakka namoonni baay’een argamanitti lallabuuf hubannaan barbaachisaadha. Yeroo baay’ee xiyyeeffannaa warra kaanii utuu hin harkisin lallabuun keenya gaariidha. Fakkeenyaaf, babal’istoonni baay’een bakka tokkotti baay’atanii kan lallaban yoo ta’e ykn naannoo daldalaatti irra deddeebi’anii kan lallaban yoo ta’e, warri tokko tokko nuffuu danda’u. Kunimmoo ulfinaafi bu’aa hojii lallabaa keenyaa nu jalaa xiqqeessuu danda’a. Akka akkas hin taaneef maal gochuutu danda’ama? Gumiiwwan tokko tokko naannoo bal’aa namoonni baay’een itti argaman, naannoowwan xixinnootti qoqqooduun gaarii ta’uusaa hubataniiru. (1 Qor. 14:40) Itti dabalees, karaa Koree Tajaajilaa Gumiichaa, gumii biraa gargaaruuf qophiin addaa yoo godhame malee, naannoo keenya keessatti qofa lallabuudhaan qindaa’ina hojii kanaaf ga’ee keenya raawwachuu qabna.—Tajaajila Mootummaa Sadaasa 1998, ful. 7, key. 18-19 ilaali.
3 Akkaataa Itti Namootatti Dhihaannu: Yesus dubartii boolla bishaanii bira turtee wajjin yeroo dubbatetti, yaada muraasa kennuudhaan erga jalqabee booda, irraa jalaan yeroo fedhiinshee dabalaa deemutti mareesaanii bal’iseera. (Yoh. 4:7-26) Yeroo har’aattis akkaataan dhiheenyaa kun bakka tokko tokkotti bu’a qabeessadha. Babal’istoonni tokko tokko bakka namoonni baay’inaan argamanitti karaa bu’a qabeessa ta’een lallabuuf, ergaa Mootummitti utuu hin dubbatin dura daqiiqaa muraasa fudhatanii nagaa gaafachuufi akka isaaniif yaadan argisiisuun gaarii ta’ee argataniiru. Akkasumas, wanta namoota naannoo sana jiran yaaddessurratti yaada kennuun maree jalqabuuf isaan dandeessiseera. Isaanis yeroo warri kaan wanta isaan yaaddessu dubbatanitti akka gaariitti caqasu. Utuu baay’ee hin turin ergaa Sagalee Waaqayyoo isa nama jajjabeessu isaaniif hiruu jalqabuu danda’u.—Rom. 15:4.
4 Fedhiisaanii Guddisuu: Namootaa wajjin maree gaarii yeroo goonu qophii fedhiisaanii guddisuuf nu gargaaru gochuu qabna. Akkas gochuuf maaltu nu gargaaruu danda’a? Maree keessan xumuruu yommuu geessan yaadannoo kee baafattee akkas jechuu dandeessa: “Maree goonetti baay’ee gammadeera. Maree keenya itti fufuudhaaf yeroo biraatti wal arguu dandeenyaa?” ykn “Barruun si gargaaruu danda’a jedhee yaade utuu dubbistee natti tola. Mana keetti ykn bakka hojii keetti sii fiduu?” Babal’istoonni tokko tokko “Lakkoofsa bilbilaa kee naa kennuu dandeessaa?” jedhanii gaafatu. Kunis yeroo baay’ee deebii gaarii akka argatan godha.
5 Namoonni yeroo jalqabaa bakka namoonni itti baay’atanitti argaman baay’een qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabaniiru. Qayyabannaawwan akkasii kun mana namichaatti, bakka hojiisaatti, bakka namoonni itti bashannananitti ykn bilbilaan godhamuu danda’u. Bakka namoonni baay’inaan argamanitti yeroo lallabnu kaayyoon keenya Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf haa ta’u.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofuudhaan Kiristiyaanonni har’a jiran bakka namoonni baay’inaan argamanitti kan lallaban akkamitti? Bu’aansaahoo maalidha?
2. Bakka namoonni baay’inaan argamanitti lallabuuf hubannaan barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Hojiin lallabaa keenya qindoominaan akka hojjetamu gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
3. Babal’istoonni tokko tokko, bakka namoonni baay’inaan argamanitti karaa bu’a qabeessa ta’een lallabuuf akkaataa dhiheenyaa isa kamtu bu’a qabeessa ta’ee argatan?
4. Fedhii namootaa guddisuu kan dandeenyu akkamitti?
5. Bakka namoonni baay’inaan argamanitti yeroo lallabnu kaayyoon keenya maal ta’uu qaba?