Mala Haaraa Gammachiisaa Taʼeefi Namootaaf Lallabuuf Gargaaru
1 Gumiiwwan naannoo tajaajilaa namoonni lafoon baayʼinaan itti argaman qaban, haala mijeessuudhaan bakka namoonni baayʼinaan itti argamanitti minjaala ykn gaariitti fayyadamanii akka lallaban jajjabeeffamaniiru. Gaariitti fayyadamu yoo taʼe, yoo xinnaate babalʼisaan tokko gaarii sana bira taaʼuu ykn dhaabachuu qaba. Minjaalatti fayyadamu taanaanimmoo naannoo sana jiraachuu kan qaban babalʼistoota lama taʼuu qabu. Obboloonni bakka kanatti ramadaman miira hoʼaadhaan kan nama simatan, salphaatti kan itti dhihaatamaniifi namoota keessummeessuu kan dandaʼan taʼuu qabu. Yommuu namni tokko gara minjaala sanaa dhaqu, babalʼistoota sana keessa inni tokko, “mataduree kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu hubattee beektaa?” jedhee isa gaafachuudhaan maree jalqabuu dandaʼa. Babalʼisaa kan biraan immoo (lamas taʼuu dandaʼu) naannoodhuma sanatti karaa alidilee taʼeen lallabaa minjaala sana hordofuu qaba.
2. Muuxannoo minjaala ykn gaariitti fayyadamanii dhugaa baʼuun faayidaa akkamii akka qabu ibsu dubbadhu.
2 Malli tajaajilaa kun namoonni hedduun Macaafa Qulqulluu qayyabachuu akka jalqaban godheera. Barattuun kolleejjii tokko Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee qorannaa geggeessuudhaan gabaasa barreessuu barbaaddee kan turte taʼus, Galma Mootummaa argachuu hin dandeenye. Torban itti aanutti naannoo kolleejjii sanaatti minjaala barreeffamoonni keenya irra kaaʼamanii jiran argite. Achiis qayyabannaa kan jalqabde yommuu taʼu, amma babalʼistuu cuuphamte taatee mala tajaajilaa kanarratti hirmaachaa jirti.
3. Mala tajaajilaa kana ilaalchisee babalʼistoonni tokko tokko yaada akkamii kennaniiru?
3 Obboleettiin mala tajaajilaa kanatti fayyadamuudhaan lallabuun ishee gammachiisu tokko akkas jetteetti: ‘Namoonni tokko tokko barruulee jiʼa sanaaf qophaaʼaniifi gaarii ykn minjaala sanarratti argaman fudhachuuf ni dhaabatu. Namoota kana keessaa tokko tokko kanaan dura waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa sirumaa dhagaʼanii kan hin beeknedha. Namoonni hedduun haala kanaan dhugaa dhagaʼuu akka dandaʼan hubadheera.’ Obboleettiin tokkos, “Malli kun namoonni badaa fedhii hin qabnellee maal akka inni taʼe baruuf garakee akka dhufan waan godhuuf mala haaraa gammachiisaa taʼedha” jetteetti.
4 Gaarii ykn minjaala sana torban torbaniin guyyaa dhaabbataa taʼe filachuudhaan bakka beekamaa taʼe tokko kaaʼuun gaariidha. Akkas gochuun, namoonni yeroo hunda yommuu bakka tokkotti argan, yeroo booda ofirraa buʼanii nutti dhihaachuudhaan gaaffii nu gaafachuu ykn barreeffama fudhachuu akka dandaʼan godha. Gumiin keessan bakka namoonni baayʼinaan argamanitti dhugaa baʼuuf qophii godheeraa? Taanaan, tarii atis ‘Mootummaa Waaqayyoo iddoo hundumaatti lallabuuf’ mala tajaajilaa gammachiisaafi buʼa qabeessa taʼe kanarratti hirmaachuu ni dandeessa taʼa.—Luq. 9:60.