Sagantaa Torban Sadaasa 17 Jalqabu
TORBAN SADAASA 17 JALQABU
Faarfannaa 31fi Kadhannaa
Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
jl ful. 3fi barumsa 1-2 (Daq. 30)
Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Kes. 23-27 (Daq. 10)
Lakk. 1: Kes. 25:17–26:10 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: td 20B Dhugaa Waaqayyo Jiraachuusaa Ibsu (Daq. 5)
Lakk. 3: Maal Gochuu Yaadda?—bh boq. 15 key. 15-20 (Daq. 5)
Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Michuu Dhugaan Nama Akkamiiti? Viidiyoo fakkii What’s a Real Friend? jedhurratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. (jw.org baniitii mataduree BIBLE TEACHINGS > TEENAGERS jedhu jalaa ilaali. Afaan Oromootiin hin argamu.) Jalqaba viidiyoo kana dhaggeeffattootaaf ibsi. Achiis, maree gochuuf akka si gargaaruuf gaaffiiwwan armaan gadiitti fayyadami: (1) Michuu dhugaan nama akkamiiti? (2) Namni michuu keessan taʼu nama akkamii taʼuu qaba? (3) Michuu dhugaa argachuu kan dandeessan akkamitti? (4) Michummaan keessan akka cimu gochuuf carraaqqii akkamii gochuu qabdu?
Daq. 10: Jaalalaan Beekamna. (Yoh. 13:35) Kitaaba Waggaa 2014 (Ingiliffa), fuula 48, keeyyata 1 hanga fuula 49, keeyyata 3 fi fuula 69, keeyyata 1 hanga fuula 70, keeyyata 2rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni barumsa irraa argatan akka dubbatan afeeri.
Daq. 10: “Mala Haaraa Gammachiisaa Taʼeefi Namootaaf Lallabuuf Gargaaru.” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Gumiin keessan naannoo namoonni lafoon baayʼinaan itti argaman qaba yoo taʼe, ilaaltuun olaanaa tajaajilaa qophii gumichi achitti lallabuuf godhe akka dubbatu afeeri; akkasumas dhaggeeffattoonni muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 47fi Kadhannaa