Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ebla 1
“Saayinsiiniif Macaafni Qulqulluun wal faalleessa yeroo jedhamu dhageessee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun seenaa walitti bu’insa saayinsiifi amantii gidduutti ture dubbata. Kana malees, saayinsiin dhugaa ta’e Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal simu ta’uusaatiif ragaa dhiheessa.” Ful. 6-7 itti argisiisi. Achiis Lallaba 1:7 dubbisiif.
Dammaqaa! Ebla 2005
“Rakkoowwan gurguddaa yeroo har’aatti nu mudatan keessaa, dhiphinni isa tokkodha. Mitii ree? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun sababii kun ta’uuf duraan dursee dubbateera. [2 Ximotewos 3:1 dubbisiif.] Barruun kun, yaada siinis ta’e maatii kee dhiphina mo’uuf isin gargaaru qabateera.”
MASARAA EEGUMSAA Ebla 15
“Yeroo har’aatti odeeffannoon daangaa hin qabne hedduutu dhihaachaa jira mitii? [Hanga deebii kennutti eegi.] Haata’u malee, odeeffannoo caqasa kanarratti caqasame caalaa faayidaa kan qabu hin jiru. [Yohannis 17:3 dubbisiif.] Barruun kun, “jireenya bara baraa” jechuun maal jechuu akka ta’eefi beekumsa jireenya akkasii argachuuf nama gargaaru akkamitti akka argannu ibsa.”