Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ebla 1
“Caqasa beekamaa kanarratti ilaalcha akkamii akka qabdu utuun beekee natti tola. [Yohannis 3:16 dubbisiif.] Duuti nama tokkoo warra kaaniif akkamitti jireenya bara baraa argamsiisuu danda’a jettee yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi] Barruun kun du’a Yesusirraa akkamitti faayidaa akka argannu ibsa ifaafi quubsaa ta’e kenna.”
Dammaqaa! Caamsaa
“Namoonni baay’een waa’een gara fuulduraa isaan yaaddessa. Yeroon gara fuulduraa gaariimoo gadhee ta’aa waan deemu sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Mul’ata 21:3, 4 dubbisiif.] Barruun kun, Waaqayyo rakkoowwan gurguddaa humna ilmaan namootaatii ol ta’an ni balleessa jennee kan amannu maaliif akka ta’e ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Ebla 1
“Ogummaa Waaqayyootiin fayyadamuun bu’aa akkamii akka qabu akka hubatan namoota gargaaraa jirra. Fakkeenyaaf, abbootiin manaafi haadhotiin manaa hedduun yommuu wal falman argitee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Haala akkasii keessatti gorsa Efesoon 4:31,32rra jiru hojiirra oolchuun bu’aa guddaa argamsiisa. [Dubbisi.] Yaada kanatti walii galtaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dhimma kana ilaalchisee caalaatti beekuuf mataduree “Maatii Gammachuu Qabu—Walitti Bu’iinsawwan Uumaman Hiikuu” jedhu dubbisuu dandeessa.
Dammaqaa! Caamsaa
Caqasa beekamaa ta’e kanarratti ilaalcha akkamii akka qabdu utuun beekee natti tola. [Maatewos 6:10 dubbisiif.] Achiis, “Kaayyoon Waaqayyo lafaaf qabu maal akka ta’e yaaddee beektaa? jedhii gaafadhu. [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo jalqabumaa kaasee lafa kanaaf kaayyoo akka qabuufi kaayyoonsaa kunis akka hin jijjiiramne dubbata. Mata dureen kun waa’ee kanaa ibsa.” Mata duree fuula 10rra jiru itti argisiisi.