Sagantaa Torban Adoolessa 29 Jalqabu
TORBAN ADOOLESSA 29 JALQABU
Faarfannaa 51fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 9 key. 15-24 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: HoE. 26-28 (Daq. 10)
Lakk. 1: HoE. 26:19-32 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Afeerriin Hundi Waaqayyoon Ni Gammachiisaa?—lr boq. 29 (Daq. 5)
Lakk. 3: Karaawwan Hafuurri Waaqayyoo Tajaajiltootasaarratti Itti Mul’atu—Gal. 5:22, 23; Mul. 22:17 (Daq. 5)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 10: Akkaataa Haasaa Uumamaatiin Lallabaa. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa fuula 128, keeyyata 1, hanga fuula 129, keeyyata 1rratti hundaa’ee haasaadhaan kan dhihaatu. Babal’isaa muuxannoo qabuufi kanaan dura ija laafessa ture tokkoof gaafannoo godhi. Sodaa tajaajilarratti isa mudatu mo’uuf kan isa gargaare maalidha?
Daq. 10: Saanduqa Gaaffii. Maree jaarsaan dhihaatu.
Daq. 10: Ijoollee Abbaa Keessanii Akka Taatan Mirkaneessaa. (Mat. 5:43-45) Kitaaba Waggaa 2013, fuula 89, keeyyata 3, hanga fuula 90, keeyyata 1fi fuula 164, keeyyata 2rratti hundaa’ee mareedhaan kan dhihaatu. Dhaggeeffattoonni barumsa argatan akka dubbatan afeeri.
Faarfannaa 19fi Kadhannaa