LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/13 ful. 7
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Marii Xumuraa Kaadhimamtoota Cuuphaa Wajjin Godhamu
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Tajaajiltoota Misiraachicha Lallaban
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Kutaa dabalataa
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Cuuphaafi Walitti Dhufeenya Waaqayyoo Wajjin Qabdu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2013
km 7/13 ful. 7

Saanduqa Gaaffii

◼ Babal’isaan hin cuuphamne tokko heyyama cuuphaa argachuusaa dura, gumiirratti hirmaachuu ykn tajaajila ba’uu kan qabu hanga maaliittidha?

Cuuphaan, murtoo namni tokko jireenyasaa keessatti godhu hunda kan caaludha. Kanaaf, namni tokko akka cuuphamu isaaf heyyamamuusaa dura wanta Waaqayyo irraa barbaadu sirriitti beekuu qaba. Dabalataanis, akka fedha Waaqayyootti jiraachuuf murteessuusaa hojiidhaan argisiisaa kan jiru ta’uu qaba.

Kiristiyaanonni walitti qabamuusaanii akka hin dhiifne waan abboomamaniif, babal’isaan hin cuuphamne tokkos yeroo hundumaa walga’iirratti argamaa kan jiru ta’uu qaba. (Ibr. 10:24, 25) Gumiirratti yaada kennuudhaanis hirmaannaa gochuu qaba. Ulaagaa keessaa tokko ta’uu baatus, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirrattis hirmaachuu qaba.

Kana malees, Kiristiyaanonni misiraachoo labsuudhaan duuka buutota akka godhan waan abboomamaniif, babal’isaan hin cuuphamne tokkos cuuphamuusaa dura utuu walirraa hin kutin tajaajilarratti hirmaachuu qaba. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Haata’u malee cuuphamuusaa dura ji’a meeqa tajaajilarratti hirmaachuu qaba? Ji’aa hanga ji’aatti ciminaafi hinaaffaadhaan tajaajilarratti hirmaachuu danda’uufi dhiisuusaa argisiisuu akka danda’uuf yeroon ga’aa ta’e isaaf kennamuu akka qabu beekamaadha. (Far. 78:37) Haata’u malee, yeroon inni babal’isaa itti ta’eefi yeroon inni itti cuuphamu baay’ee walirraa fagaachuu hin qabu. Ji’atti sa’aatii hangamii tajaajiluu qaba? Kana ilaalchisee seerri sa’aatii hammanaa tajaajiluu qaba jedhu hin jiru. Kanaa mannaa, jaarsoliin gumii haalasaa tilmaama keessa galchuudhaan isa madaaluu qabu.—Luq. 21:1-4.

Jaarsoliin gumii (ykn bakka jaarsoliin muraasni jiranittimmoo tajaajiltoonni gumii) yommuu gaaffii cuuphaa gaafatan, haalli namaa garaagara ta’uusaa xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan namni sun cuuphaadhaaf kan ga’u ta’uufi dhiisuusaa murteessuu qabu. Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko ta’uuf fedhii dhugaa qabaachuufi dhiisuusaa, akkasumas qophiiwwan inni godhe hunda, jechuunis saba Yihowaa wajjin walitti qabamuufi tajaajila ba’uuf fedhii qabaachuufi dhiisuusaanii adda baasanii beekuu qabu. Jaarsoliin gumii guddinni hafuuraa akka isa hafu ykn dandeettii inni qabu kan lallabaa wangeelaa cuuphameefi muuxannoo qabuu wajjin wal qixa akka hin taane hubachuu qabu. Jaarsoliin gumii babal’isaan hin cuuphamne sun cuuphaaf akka hin geenye yoo murteessan, Caaffata Qulqullaa’oorraa sababiisaa itti himuudhaan gargaarsa akka argatu gochuu qabu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi