Sagantaa Torban Hagayya 5 Jalqabu
TORBAN HAGAYYA 5 JALQABU
Faarfannaa 35fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
cl boq. 10 key. 1-7 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii:
Dubbisa M.Q.: Rom. 1-4 (Daq. 10)
Lakk. 1: Rom. 3:21–4:8 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Kiristiyaanonni Dhugaan, Akka ‘Warra Ormummaafi Warra Biyyaa Baafamaniitti’ Of Ilaaluu Kan Qaban Maaliifi?—1 Phe. 2:11; 1 Yoh. 2:15-17) (Daq. 5)
Lakk. 3: Wantoota Sodaa Keenya Mo’uuf Nu Gargaaran—lr boq. 30 (Daq. 5)
□ Walga’ii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Ji’a Hagayyaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif ta’an tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti ba’anitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si ga’e barruulee lamaan keessaa is tokkorraa mataduree kan biraarratti ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: “Yaadachiisawwan Walga’ii Koonyaa 2013.” Mataduree Tajaajila Mootummaa Ebla 2013rratti hundaa’ee mareedhaan kan dhihaatu.
Daq. 10: Barumsa Maalii Arganna? Mareedhaan kan dhihaatu. Luqaas 5:27-32 akka dubbifamu godhi. Seenaan kun tajaajila keenyarratti akkamitti akka nu gargaaru mari’adhaa.
Faarfannaa 20fi Kadhannaa