Ermiyaas
21 Yeroo Zedeeqiyaan+ Mootichi, Paashuur+ ilma Maalkiyaa fi Sefaaniyaa+ ilma Maaʼaaseyaa isa luba taʼe gara Ermiyaasitti ergetti, dubbiin Yihowaa gara Ermiyaas ni dhufe; isaanis akkana jedhanii isa gaafatan: 2 “Nebukadnezaar* mootiin Baabilon nu irratti waraana waan baneef,+ maaloo, wanta taʼuuf jedhu ilaalchisee Yihowaa nuuf gaafadhu. Inni nu irraa akka deebiʼuuf, tarii Yihowaan nuuf jedhee hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo keessaa isa tokko ni raawwata taʼa.”+
3 Ermiyaasis akkana isaaniin jedhe: “Zedeeqiyaadhaan akkana jedhaa: 4 ‘Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Kunoo, meeshaawwan waraanaa harka keessan irra jiran warra isin mootii Baabilonii fi Kaladoota dallichaa alatti isinitti marsanii jiran ittiin waraantan sana isinuma irratti nan deebisa.+ Wantoota* kanas magaalaa kana gidduutti walitti nan qaba. 5 Anumti iyyuu harka diriirfameen, irree jabaadhaan, dheekkamsaa fi aarii guddaadhaan+ isin nan lola.+ 6 Ani namas taʼe horii, jiraattota magaalaa kanaa nan rukuta. Isaan golfaa* guddaadhaan ni duʼu.”’+
7 “‘Yihowaan akkana jedha: “Sana booda ani Zedeeqiyaa mootii Yihudaa, tajaajiltoota isaa fi namoota magaalaa kanaa warra golfaa, goraadee fi beela sana irraa oolan, harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti, harka diinota isaaniittii fi harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti* dabarsee nan kenna.+ Innis goraadeedhaan rukutee isaan ajjeesa. Inni isaaniif hin gaddu, gara laafina yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu.”’+
8 “Saba kanaanis akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, ani daandii jireenyaa fi daandii duʼaa isin dura kaaʼeera. 9 Warri magaalaa kana keessatti hafan goraadee, beelaa fi golfaadhaan ni duʼu. Haa taʼu malee, namni gad baʼee Kaladoota warra isinitti marsanii jiranitti harka kennu kam iyyuu lubbuudhaan ni jiraata; lubbuun isaas akka boojuutti isaaf ni hafa.”’*+
10 “‘“Sababiin isaas, ani wanta gaariidhaaf utuu hin taʼin, rakkina ishiitti fiduuf fuula koo magaalaa kana irra kaaʼeera.+ Ishiin harka mootii Baabilonitti dabarfamtee ni kennamti;+ innis ibiddaan ishii guba”+ jedha Yihowaan.
11 “‘Isin maatiin mootii Yihudaa, dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 12 Yaa mana Daawit, Yihowaan akkana jedha:
“Gocha keessan isa hamaadhaan kan kaʼe,
Dheekkamsi koo akkuma ibiddaatti akka hin bobaaneef,+
Hamma namni tokko illee isa dhaamsuu hin dandeenyetti akka hin bobaaneef,+
Yeroo hundumaa ganama ganama haqa deggeraa,
Isa saamames harka nama gowwoomsituu taʼee irraa oolchaa.”’+
13 ‘Yaa jiraattota sululichaa,*
Yaa qarsaa dirree keessaa, kunoo, ani isin irratti kaʼeera’ jedha Yihowaan.
‘Isin warri, “Eenyutu gara keenyatti gad buʼa?
Eenyutu iddoowwan jireenyaa keenya weerara?” jettan,
14 Akkuma hojii keessaniif malutti,
Isin nan adaba.+
Bosona ishiitti ibidda nan qabsiisa,
Ibiddichis wantoota naannoo ishiitti argaman hundumaa ni nyaata’+ jedha Yihowaan.”