-
2 Seenaa Baraa 36:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+
-
-
Ermiyaas 17:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 “‘“Isin guyyaa Sanbataa qulqulluu gootanii eeguu dhiisuudhaan, guyyaa Sanbataatti baʼaawwan baachuudhaan, akkasumas karaa karrawwan Yerusaalem isaan galchuudhaan naaf ajajamuu yoo diddan garuu, ani karrawwan ishii ibiddaan nan guba; ibiddichis dhugumaan masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata,+ hin dhaamus.”’”+
-
-
Ermiyaas 37:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Isin guutummaa raayyaa waraanaa Kaladootaa warra isin waraanan yoo rukuttan, namoota isaanii keessaa kan hafanis warra madaaʼan qofa yoo taʼan illee, isaan dunkaanota isaanii keessaa kaʼanii magaalaa kana ibiddaan ni gubu.”’”+
-