LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 25:9-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Innis mana Yihowaa,+ mana mootichaa+ fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana namoota beekamoo taʼanii hunda ni gube.+ 10 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turan dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+ 11 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota magaalattii keessatti hafan kaan, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi uummata isa hafe kaan boojiʼee fudhate.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Mana Waaqa dhugaa ni gube;+ dallaa Yerusaalem ni diige;+ masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan hundumaas ibiddaan ni gube; wantoota gatii guddaa qaban hundumaas ni balleesse.+

  • Nahimiyaa 1:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Isaanis, “Warri boojuu irraa oolanii koonyaa sana keessa jiraatan haala gaddisiisaa taʼee fi salphina keessa jiru.+ Dallaawwan Yerusaalem diigamaniiru;+ karrawwan ishiis ibiddaan gubamaniiru”+ jedhanii naaf deebisan.

  • Ermiyaas 52:13-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Innis mana Yihowaa, mana* mootichaa fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana guddaa hunda ni gube. 14 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turanis dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+

      15 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota hiyyeeyyii fi namoota magaalattii keessatti hafan kaan boojiʼee fudhate. Kana malees, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi ogeeyyii harkaa dandeettii qaban kaan boojiʼee fudhate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi