-
Ermiyaas 15:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 ‘Eessa deemna?’ jedhanii yoo si gaafatan immoo, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha:
“Namni dhaʼichaan duʼuu qabu kam iyyuu, dhaʼichaan haa duʼu!
Namni goraadeedhaan duʼuu qabu kam iyyuu, goraadeedhaan haa duʼu!+
Namni beelaan duʼuu qabu kam iyyuu, beelaan haa duʼu!
Namni boojuudhaan fudhatamuu qabu kam iyyuus, haa boojiʼamu!”’+
-
-
Ermiyaas 39:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼes namoota magaalattii keessatti hafan, gantoota gara isaatti goranii fi warra achitti hafan hundumaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.
-
-
Ermiyaas 52:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota hiyyeeyyii fi namoota magaalattii keessatti hafan kaan boojiʼee fudhate. Kana malees, gantoota gara mootii Baabilonitti goranii fi ogeeyyii harkaa dandeettii qaban kaan boojiʼee fudhate.+
-
-
Hisqiʼel 5:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Guyyoonni magaalattiin itti marfamtu yommuu xumuramanitti+ rifeensicha irraa harka sadii keessaa harka tokko fuudhiitii magaalattii keessatti ibiddaan gubi. Achiis harka sadii keessaa harka tokko fudhattee naannoo magaalattiitti* goraadeedhaan ni rukutta;+ harka sadii keessaa harka tokko immoo bubbee keessa bittinneessita; anis isa ariʼuuf goraadee nan luqqifadha.+
-