7 biyya ani isaaniif kenne irraa Israaʼeliin nan balleessa;+ mana ani maqaa kootiif qulqulleesse kanas ija koo duraa nan gata;+ Israaʼelis saba hundumaa gidduutti kan tuffatamtuu* fi kan itti qoosamu ni taati.+
9 Innis mana Yihowaa,+ mana mootichaa+ fi manneen Yerusaalem hundumaa ni gube;+ akkasumas mana namoota beekamoo taʼanii hunda ni gube.+10 Guutummaan raayyaa waraanaa Kaladootaa warri ajajaa waardiyyootaa wajjin turan dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran ni diigan.+