-
Leewwota 18:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Isin garuu biyyattii waan hin xureessineef, akkuma saboota isin dura achi jiraatan tuftutti isin hin tuftu.
-
-
Keessa Deebii 4:26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetan sana keessaa dhugumaan daftanii akka balleeffamtan ani harʼa samii fi lafa isin irratti ragoota godhee nan dhiheessa. Isin haxaaʼamtanii ni balleeffamtu malee, yeroo dheeraadhaaf ishii irra hin jiraattan.+
-
-
2 Mootota 17:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Namoonni Israaʼelis cubbuuwwan Yeroboʼaam hojjete hundumaa irra ni deddeebiʼan.+ Cubbuuwwan kana irraas hin gorre; 23 akkuma Yihowaan karaa tajaajiltoota isaa warra raajota isaa taʼan hundumaa dubbatettis, Israaʼeliin fuula isaa duraa hamma balleessutti akkana gochuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, Israaʼelonni boojiʼamanii gara biyya Asooritti geeffaman;+ isaan hamma harʼaatti achumatti argamu.
-