LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 1:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Wanta gaarii raawwachuu baradhaa, haqa barbaadaa,+

      Isa nama cunqursu sirreessaa,

      Mirga mucaa abbaa hin qabneetiif* falmaa,

      Dubartii abbaan manaa irraa duʼeefis falmaa.”+

  • Ermiyaas 22:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yihowaan akkana jedha: “Haqaa fi qajeelummaa deggeraa. Isa saamame harka nama gowwoomsituu taʼee irraa oolchaa. Nama biyya ormaa kam iyyuu hin cunqursinaa; mucaa abbaa hin qabne* yookiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe kam iyyuu hin miidhinaa.+ Bakka kanattis dhiiga nama balleessaa hin qabne kam iyyuu hin dhangalaasinaa.+

  • Hisqiʼel 22:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Namoonni biyyattii gowwoomsaa fi saamicha raawwataniiru,+ isa rakkataa fi isa hiyyeessa taʼes cunqursaniiru, nama biyya ormaa gowwoomsaniiru, haqas isa dhowwataniiru.’

  • Miikiyaas 2:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Isaan maasii ni hawwu, ni qabatus;+

      Mana ni hawwu, isas ni fudhatu;

      Nama gowwoomsanii mana isaa ni fudhatu,+

      Dhaala isaas jalaa ni fudhatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi