LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 1:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Bulchitoonni kee mata jabeeyyii fi michuu hattootaa ti.+

      Tokkoon tokkoon isaanii mattaʼaa jaallatu, kennaa duukaas ni fiigu.+

      Ijoollee abbaa hin qabneef* haqaan hin murteessan,

      Dhimmi seeraa dubartii abbaan manaa irraa duʼees matumaa isaan bira hin gaʼu.+

  • Isaayyaas 3:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yihowaan maanguddootaa fi bulchitoota saba isaa irratti ni murteessa.

      “Isin maasii wayinii gubdaniittu,

      Wanti hiyyeessa irraa hattanis mana keessan keessa jira.+

  • Ermiyaas 21:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yaa mana Daawit, Yihowaan akkana jedha:

      “Gocha keessan isa hamaadhaan kan kaʼe,

      Dheekkamsi koo akkuma ibiddaatti akka hin bobaaneef,+

      Hamma namni tokko illee isa dhaamsuu hin dandeenyetti akka hin bobaaneef,+

      Yeroo hundumaa ganama ganama haqa deggeraa,

      Isa saamames harka nama gowwoomsituu taʼee irraa oolchaa.”’+

  • Miikiyaas 2:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Isaan maasii ni hawwu, ni qabatus;+

      Mana ni hawwu, isas ni fudhatu;

      Nama gowwoomsanii mana isaa ni fudhatu,+

      Dhaala isaas jalaa ni fudhatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi