-
Ermiyaas 39:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Haa taʼu malee, Kaladoonni isaan duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti Zedeeqiyaa bira gaʼan.+ Achiis isa qabanii gara Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa biyya Hamaat+ keessatti Riblaatti+ argamutti ol isa fidan; innis achitti isa irratti murtii ni dabarse. 6 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti Riblaatti ni gorraasise; guguddoota Yihudaa hundumaas ni gorraasise.+ 7 Ija Zedeeqiyaa erga jaamsee boodas, hidhaa sibiila diimaatiin isa hidhee gara Baabilonitti geesse.+
-
-
Ermiyaas 52:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis mooticha qabanii gara mootii Baabilon isa biyya Hamaat keessatti Riblaatti argamutti fidan; innis isa irratti ni murteesse. 10 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼe; bulchitoota Yihudaa hundumaas Riblaatti ni gorraʼe. 11 Achiis mootiin Baabilon ija Zedeeqiyaa ni jaamse;+ hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide; hamma guyyaa duʼa isaattis mana hidhaa keessa isa turse.
-