LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 21:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “‘Yihowaan akkana jedha: “Sana booda ani Zedeeqiyaa mootii Yihudaa, tajaajiltoota isaa fi namoota magaalaa kanaa warra golfaa, goraadee fi beela sana irraa oolan, harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonitti, harka diinota isaaniittii fi harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti* dabarsee nan kenna.+ Innis goraadeedhaan rukutee isaan ajjeesa. Inni isaaniif hin gaddu, gara laafina yookiin araara akkamii iyyuu isaanitti hin argisiisu.”’+

  • Ermiyaas 24:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “‘Haa taʼu malee, firiiwwan harbuu mancaʼan, akka malee mancaʼuu isaaniitiin kan kaʼes nyaatamuu hin dandeenye+ sana ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: “Ani Zedeeqiyaa+ mootii Yihudaa, bulchitoota isaa, namoota Yerusaalem warra biyya kana keessatti hafanii fi warra biyya Gibxii keessa jiraatan akkuma kanaatti nan ilaala.+

  • Ermiyaas 34:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Ani Zedeeqiyaa mootii Yihudaa fi bulchitoota isaa harka diinota isaanii fi harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti,* akkasumas harka raayyaawwan waraanaa mootii Baabilon warra isin irraa deebiʼaniitti dabarsee nan kenna.’+

  • Hisqiʼel 12:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Geggeessaan isaan gidduutti argamu sun miʼa isaa gateettii isaa irratti baatee dukkanaan baʼee deema. Inni dallaa sana uree miʼa isaa baatee gad baʼa.+ Lafa ilaaluu akka hin dandeenyettis fuula isaa ni haguuggata.’ 13 Ani saaphana koo isa irratti nan diriirsa; innis saaphana koo isan ittiin kiyyeessuun ni qabama.+ Achiis gara Baabilon, gara biyya Kaladootaatti isa nan fida; haa taʼu malee, inni biyyattii hin argu; achitti ni duʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi