Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Yeroo rakkisaa taʼe kanatti, hundi keenya haalawwan nama dhiphisan maatii keessatti nu mudatu. Maarree qajeelfama amansiisaa maatiin keenyaa gammachuu akka argatuuf nu gargaaru eessaa arganna jettee yaadda?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaa 2012 erga kenniteefii booda, matadureewwan xixiqqaa fuula 10fi 11rra jiran keessaa tokko filachuudhaan irratti mariʼadhaa; caqasoota kennaman keessaa yoo xinnaate tokko dubbisaa. Barruulee sana erga kenniteefii booda, gaaffiiwwan hafan keessaa isa tokkorratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaa
Qola baruu kanaa itti argisiisuudhaan akkas jedhii gaafadhu: “Waaqayyoon ilaalchisee wanti sitti himame soba akka taʼe utuu hubattee maaltu sitti dhagaʼama? [Hanga deebii kennutti eegi.] Yaada Yesus, dhugaa sobarraa addaan baasuuf gargaaru ilaalchisee dubbate kana ilaali. [Yohannis 17:17 dubbisi.] Kanaaf waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa kan nutti himuu Macaafa Qulqulluu qofadha. Barruun kun, Waaqayyoon ilaalchisee sobawwan dubbataman shan saaxila.”
Dammaqaa! Ebla
“Yaadawwan maatiiwwan gargaaran tokko tokko sitti himuuf gara manakee dhufne. Yeroo ammaa maatiiwwan rakkoo hedduun isaan mudachaa jira utuu jedhame walii hin galtuu? [Hanga deebii kennutti eegi.] Mee maatiiwwan hedduun gorsa gaarii eessaa akka argatan qalbeeffadhu. [Faarfannaa 119:105 dubbisi.] Barruun kun, maatiiwwan haati ykn abbaan buddeenaa jiran keessatti, rakkina isaan mudatu seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan akkamitti hiikuun akka dandaʼamu ibsa.”