Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Yeroo harʼaatti Waaqayyo sabasaa kan geggeessu jaarmiyaadhaanimoo dhuunfaadhaan sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun namoota Waaqayyo bara duriitti gurmeesse ilaalchisee maal akka jedhu hubadhu.” Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa fuula 10 baasiitii yaada mataduree xiqqaa isa jalqabaa jalaa jiru waliin ilaalaa; achiis caqasoota achirratti ibsaman keessaa yoo xinnaate tokkoonsaa waliin dubbisaa. Barruulee sana akka fudhatu erga isa afeertee booda gaaffii ittaanu mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa
“Waggoota dhihootii asitti Armaagedoon, dhimma namoonni hedduun irratti mariʼatan taʼeera. Ilmaan namootaa Armaagedooniin hambisuuf wanti isaan gochuu dandaʼan kan jiru sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Jechi ‘Armaagedoon’ jedhu caqasa kanarraa kan fudhatamedha. [Mulʼata 16:16 dubbisi. Achiis qola baruu sanaa itti argisiisi.] Barruun kun deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu ibsa.”
Dammaqaa! Sadaasa
“Gara mana keessan kan dhufne yaadawwan maatiiwwan gargaaran tokko tokko isinitti himuufidha. Maatiiwwan haadha ykn abbaa qofa qaban baayʼee baramaa taʼaa dhufaniiru. Maatiiwwan haadhaafi abbaa qaban caalaa rakkinni kan isaan mudatu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Warri hedduun Macaafa Qulqulluurraa gorsa gaarii arganiiru. [2 Ximotewos 3:16 dubbisi.] Barruun kun yaadawwan maatiin haadha ykn abbaa qofa qaban, milkaaʼina argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe gargaaran ibsa.”