Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Namoonni heduun waaʼee Yesus ilaalcha baayʼee garaagara taʼe qabu. Haataʼu malee waaʼee Yesus dhugaasaa beekuun barbaachisaa sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yohannis 17:3 dubbisi.] Barruun kun Yesus eessaa akka dhufe, akkamitti akka jiraateefi maaliif akka duʼe ilaachisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu ibsa.”
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa
“Waaqayyo hammeenyiifi dhiphinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dhimma kana ilaalchisee yaada gaarii tokko utuun sitti himee natti tola.” Yaadaafi caqasa Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa mataduree xiqqaa isa jalqabaa jala jiran waliin dubbisaa. Barruu sana erga kenniteefii booda gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Dammaqaa! Sadaasa
“Wantoota uumama cufaa naannoo keenyatti argamanirratti xiyyeeffannaadhaan yaaduun keenya, murtoo akkamiitti kan nu geessu sitti fakkaata? Uumaan tokko akka jirummoo wantoonni hundi akka tasaa akka dhufan nu hubachiisa jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko yommuu uumama cufaa ilaalu murtoo akkas jedhurra gaʼeera. [Roomaa 1:20 dubbisi.] Barruun kun, seelii ilmaan namootaa ilaalchisee beekumsa saayintiistonni irra gaʼaniifi, dhimma kanarratti hubannaa dabalataa nuu kennu qabateera.”