Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Carraaqqii namoonni fedhii qaban Duʼa Ayyaana Yaadannoo Kiristosirratti akka argamaniif goone yeroo ilaalu baayʼee nu gammachiisa. Yeroo ammaatti Itoophiyaa keessatti gumiiwwan 194 kan argaman taʼus, bakkawwan 219 gabaasni nu gaʼeera. Isaan keessaa, jaʼa Ayyaana Yaadannoo kan kabajan yeroo jalqabaatiif ture. Namoonni Ayyaana Yaadannoorratti argaman dimshaashumatti 23,762 kan turan siʼan, kun namoonni gargaarsa barbaadan hedduun akka jiran argisiisa. Bakkawwan hedduutti baayʼinni namoota walgaʼiirratti argamanii lakkoofsa babalʼistootaarra baayʼee kan caaludha. Isaan keessaa bakkawwan muraasni armaan gaditti caqasamaniiru: Aalataa Wandoo: 233 (babalʼistoota 54), Arakkaa: 124 (babalʼistoota 15), Boongaa: 80 (babalʼistoota 19), Gadab: 170 (babalʼistoota 33), Galma Warabboo naannoo Waliisoo: 138 (babalʼistoota 15), Hirnaa: 57 (babalʼistoota 5), Hoosaaʼinaa: 104 (babalʼistoota 24), Sibaacaaroo naannoo Gimbii: 364 (babalʼistoota 71), Yirgaacaffee: 118 (babalʼistoota 13).