Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Onkoloolessa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn akka haala namichaatti birooshuroota Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Sadaasaafi Muddee: Babalʼistoonni tiraaktota armaan gadii keessaa isa tokko raabsuu ni dandaʼu: Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!, ykn Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? Fedhii yoo qabaate, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka godhamu itti argisiisaa. Amajjii: Birooshuroota fuula 32 qabaniifi armaan gadii raabsuun ni dandaʼama: Dhugumaan Waaqayyo Waaʼee Keenya Ni Yaadaa?, Namni Jaallattan Yeroo Duʼu ykn Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa. Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu ykn caalaatti nama sanaaf barbaachisaa taanaan birooshuroota Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamaa; akkasumas qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.
◼ BARREEFFAMA MANA KUUSAA KEENYA KEESSA JIRU: Ingiliffa: Goodsi Woordi Siruu Jaramaayaa Siidiidhaan.