Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Jiini Guraandhalaa gabaabaa taʼuyyuu, carraaqqiin addaa isin gootan jiʼa kana adda godheera. Walitti qabaatti babalʼistoonni biyyichaa 409 taʼaniifi Dhugaa Baatonni biyya alaatii dhufan 16 duula addaa godhamerratti hirmaataniiru. Lakkoofsa babalʼistootaa haaraan (9,305), qajeelchaa (1,639), akkasumas qayyabannaa Macaafa Qulqulluu (7,593) galmeeffameera. Kana malees, lakkoofsi barruun raabsamuu kan dabale siʼa taʼu, isa waggaa darbeerra dhibbeentaa 37n dabaleera! Wanti gammachuu keenyaaf sababii taʼe garabiraanimmoo, carraaqqii babalʼistoonni deddeebii gaaffii gochuurratti godhan isa waggaa darbeerra dhibbeentaa 19 n dabaluusaati; kunis babalʼisaan tokko giddu galeessaan deddeebii gaaffii 5.7 godheera jechuudha! Dhugumayyuu hojii gaariidha! Ammammoo buʼaa sochiin addaa tibba Ayyaana Yaadannootti godhamu hawwii guddaadhaan eegaa jirra.