Sagantaa Torban Adoolessa 9 Jalqabu
TORBAN ADOOLESSA 9 JALQABU
Faarfannaa 35fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w08 9/15 ful. 26-28 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: His. 11-14 (Daq. 10)
Lakk. 1: His. 11:14-25 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Dirqama Gaaʼelaa Raawwachuu—fy ful. 156-158, key. 10-13 (Daq. 5)
Lakk. 3: Garraamummaan Maalidha? Ilaalcha Ni Taʼa Jedhu Qabaachuuf Kan Nu Gargaaruhoo Akkamitti?—Sef. 2:3 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Beeksisa.
Daq. 15: Deddeebii Gaaffii Buʼa Qabeessa Taʼe Godhaa. Gaaffiiwwan armaan gadiirratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu: (1) Yeroo hundaa deddeebii gaaffii kaayyoodhaan gochuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi? (2) Deddeebiin gaaffii jalqabarratti goonu yeroo hangamii fudhachuu qaba? (3) Yeroo deebinee dhaqnu maal jennee of beeksisuu dandeenya? (4) Namni sun fedhii akka hin qabne yoo nutti hime maal jechuu dandeenya? (5) Nama tiraaktii, birooshura ykn barruu tokko fudhateef deddeebii gaaffii yeroo goonu, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu itti argisiisuu kan dandeenyu yoomiifi akkamitti? (6) Nama sana deebinee manasaatti argachuun yoo nu rakkise fedhii inni qabu guddisuu kan dandeenyu akkamitti? (7) Yeroo deddeebii gaaffii goonu, babalʼistoota muuxannoo baayʼee hin qabne leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?
Daq. 15: “Wanti Akka Gammaddan Isin Godhu Maalidha?” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Keeyyata 4rratti yeroo mariʼattan, babalʼistoonni hundi jiʼa jiʼaan gabaasa tajaajilaasaanii akka deebisan jajjabeessi. Yaadawwan barbaachisaa taʼaniifi kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu jedhamu fuula 88-90rra jiran irra deebiʼi. (Amaariffa)
Faarfannaa 9fi Kadhannaa