Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Jiʼi Bitootessaa, jiʼa duula addaa isa dhumaa harka jaʼaan guddina argisiiseefi jiʼa hanga ammaatti dabarsine hunda kan caalu ture. Lakkoofsa haaraa qajeelchitootaa 1,654 dabalatee babalʼistoonni 3,390 taʼan qajeelchaa gargaaraa taʼaniiru. Babalʼistoota keessaa harki 57 tajaajila yeroo guutuurratti kan hirmaata siʼa taʼu, lakkoofsi babalʼistootaas 9,406 taʼeera. Jiʼa Eblaa isa waggaa darbee wajjin yommuu wal bira qabamu saʼaatiin tajaajilaa harka 3 oliin dabaleera. Hinaaffaafi cimina argisiistaniif guddaa isin galateeffanna. Barruuleen raabsines lakkoofsa haaraa jiʼa Guraandhalaatti arganneerra harka 11n kan caaludha. Babalʼistoonni baayʼeen, namoonni hedduun karaarratti isaan dhaabanii barruulee akka isaan gaafatan ibsaniiru. Kun deddeebii gaaffii 130,000 oliifi qayyabattoota Macaafa Qulqulluu 7,800 ol taʼan dabalatee “misiraachoo” lallabuurratti xiyyeeffachuu keenya argisiisa. Akkasumas fedhii guddaa akka qabnuufi carraa namoota hoolotatti fakkeeffaman gargaaruuf arganne nu yaadachiisa.