Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Hagayya: Birooshuroota. Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?; Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn akka fedhii namichaatti birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Fulbaanaafi Onkoloolessa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn akka fedhii namichaatti birooshuroota Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Sadaasa: Babalʼistoonni tiraaktota armaan gadii keessaa isa tokko raabsuu ni dandaʼu: Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada! Ykn Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? Fedhii yoo qabaate, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.
◼ Haasaan sabaa daawwattoonni olaanaa aanaa Fulbaanaa jalqabee dhiheessan matadureensaa, “Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼuun Ammas Taʼe Barabaraaf Eebba Argamsiisa” kan jedhu taʼa.