Torban Fulbaana 3 Jalqabu
TORBAN FULBAANA 3 JALQABU
Faarfannaa 6fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w09 2/15 ful. 13-14, key. 15-23 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: His. 39-41 (Daq.10)
Lakk. 1: His. 40:17-31 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Iji Keenya Nu Dogoggorsuu Kan Dandaʼu Akkamitti?—Uma. 3:2-6 (Daq. 5)
Lakk. 3: Waraanniifi Hanqinni Nyaataa Kutaa ‘Milikkitichaa’ Kan Taʼan Akkamitti?—rs ful. 234, key. 2 hanga ful. 236, key. 1 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Akkaataa Karaa Nama Amansiisuun Dubbachuu Itti Dandeenyu—Kutaa 2. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa, fuula 253, keeyyata 3 hanga dhuma fuula 254rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Qabxiiwwan dhihaatan keessaa tokko ykn lama gabaabaatti hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Fulbaanaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif mijaaʼaa taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, mataduree qola Masaraa Eegumsaarra jirutti fayyadamuudhaan dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namootaa kakaasu akkamii gaafachuu akka dandaʼaniifi caqasa isa kam dubbisuu akka yaadan gaafadhu. Mataduree qola Dammaqaa! irra jiruu wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yeroon yoo si gaʼe barruu lamaan keessaa tokkoonsaarraa mataduree kan biraa tokko ibsi. Hojiin argisiisni barruulee lamaanuu akkamitti raabsuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 34fi Kadhannaa