Sirreeffama Walgaʼii Gumii Torban Gidduurratti Godhame
Torban Fulbaana 3 jalqabuu kaasee, Qayyabannaan Macaafa Qulqulluu Gumii daqiiqaa 25rraa gara daqiiqaa 30tti akka dheeratu godhameera. Obboleessi qayyabannaa kana geggeessu seensarratti, barumsa torban darbee kenname daqiiqaa tokko gidduutti irra deebiʼee ibsa. Saʼaatiin Walgaʼii Tajaajilaas daqiiqaa 35rraa gara daqiiqaa 30ttti akka hirʼatu godhama. Yeroo kanaa kaasee beeksisaaf daqiiqaan murtaaʼe qofaatti hin kennamu. Kanaa mannaa, beeksisni kamiyyuu sagantaa jalqabaa walgaʼii tajaajilaa wajjin dhihaata. Yeroo baayʼee beeksisni himamu muraasa yoo taʼe ni himama, wanta walgaʼii tajaajilaarratti dhihaatu garuu beeksisuun hin barbaachisu. Beeksisni tajaajila dirree, sagantaa Galma qulqulleessuufi nagaa himuu ykn dhaamuu wajjin wal qabate dhihaachuu hin qabu. (km 10/08 ful. 1, key. 4) Beeksisni dheeraan yoo jiraate garuu, obboloonni walgaʼicharratti kutaa qaban, kutaa dhiheessan akka gabaabsaniif dursanii beekuunsaanii gaarii taʼuu dandaʼa.