LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 8/12 ful. 3
  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii
  • Tajaajila Mootummaa—2012
Tajaajila Mootummaa—2012
km 8/12 ful. 3

Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii

Gaaffileen kanaa gadi jiran, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii torban Hagayya 27, 2012 jalqabutti kan irratti mariʼatamanidha. Qabxiiwwan mareen irratti godhaman hundi guyyaansaanii kan ibsame, torban torbaniin mana barumsichaatiif yommuu qophoofnu qorannoo dabalataa akka goonuufidha.

1. Mulʼanni Hisqiʼel wanta Yihudaa ishee gantuu taateef gaaddidduu taʼu ilaalchisee argerraa barumsaa barbaachisaa akkamii arganna? (His. 8:15-17) [Ado. 2, w07 7/1-AM ful. 13 key. 6; w93-AM 1/15 ful. 27-​28 key. 7, 12]

2. Geggeessitoonni amantii yeroo ammaa jiran harki caalaan, raajota sobduu bara Hisqiʼel turan kan fakkaatan karaa kamiinidha? (His. 13:3, 7) [Ado. 9, w99-AM 10/1 ful. 13 key. 14-​15]

3. Raajii Hisqiʼel 17:​22-​24​rratti ibsamerratti, “xobbee” kan jedhame eenyu? “Tulluu ol kaʼaadhaa fi ol dheeraa gubbaa” inni irra dhaabamehoo maalidha? Akka “muka gaattiraa isa guddaa” kan taʼehoo akkamitti? [Ado. 16, w07-AM 7/1 ful. 12-​13 key. 6]

4. Mammaaksa Hisqiʼel 18:2​rratti caqasamee wajjin haala wal qabateen, Yihudoonni akkuma Hisqiʼel boojuudhaan fudhataman rakkina isaanirra gaʼeef eenyuun komatan? Seenaa kanarraa barumsa maalii arganna? [Ado. 23, w88-E 9/15 ful. 18 key. 10]

5. Haalli Hisqiʼel 21:​18-​22​rratti galmeeffamee jiru, namoonnis taʼan hafuuronni hamoon kaayyoo Yihowaa fashaleessuu akka hin dandeenye kan argisiisu akkamitti? [Ado. 30, w07-AM 7/1 ful. 14 key. 4]

6. Akkuma Hisqiʼel 24:​6, 11, 12​rratti galmeeffamee jiru, xuwween sibiilaa ligidaaʼaan maal argisiisa? Lakkoofsa 14⁠rrahoo seera buʼuuraa akkamii arganna? [Hag. 6, w07-AM 7/1 ful. 14 key. 2]

7. Raajiin waaʼee magaalaa Xiiros dubbatame kan raawwatame akkamitti? [Hag. 6, it-1-E ful. 70, saanduqa; si ful. 7 key. 4]

8. Jechoota Hisqiʼel 28:​2, 12-​17​rratti caqasaman warra kamtu “mootii Xiiros,” akkasumas Seexana isa gantuu isa jalqabaa taʼe sirriitti argisiisa? [Hag. 13, w05-AM 10/15 ful. 23-​24 key. 10-​14; it-2-E ful. 604 key. 4-5]

9. Biyyi Gibxii waggaa 40​f ona kan taate yoomi? Kana amanuufoo ragaa maalii qabna? (His. 29:​8-12) [Hag. 13, w07-AM 8/1 ful. 8 key. 5]

10. Hisqiʼel, namoonni ergaasaatiif dantaa kan hin qabne, kan isatti gaʼisaniifi kan isa hin dhaggeeffanne taʼanillee maal gochuurraa duubatti hin jenne? Yihowaanoo maal jedhee isaaf mirkaneesse? (His. 33:​31-​33) [Hag. 20, w91-AM 3/15 ful. 17 key. 16-​17]

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi