LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 9/12 ful. 4
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
Tajaajila Mootummaa—2012
km 9/12 ful. 4

Beeksisa

◼ Barreeffamoota raabsaman Fulbaanaafi Onkoloolessa: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn akka fedhii namichaatti birooshuroota Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Sadaasaafi Muddee: Babalʼistoonni tiraaktota armaan gadii keessaa isa tokko raabsuu ni dandaʼu: Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada! ykn Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? Fedhii yoo qabaate, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.

◼ Haasaan sabaa addaa tibba Ayyaana Yaadannoo bara 2013, torban Ebla 1 jalqabutti dhihaata. Matadureen haasaa kanaa yeroo booda kan beeksifamu taʼa. Gumiiwwan torban sana daawwataa olaanaa aanaatiin daawwataman ykn walga’ii addaa ykn walgaʼii aanaa qaban, haasaa addaa kana torbee ittaanutti fudhatu. Gumiin kamiyyuu haasaa kana Ebla 1 dura dhiheessuu hin qabu.

◼ Maxxansa Amajjii 15, 2013 jalqabee, maxxansi qayyabannaa Masaraa Eegumsaa afaan Faransaayi karaa salphaa taʼeen qophaaʼe ni argama.

◼ BARREEFFAMOOTA MANA KUUSAA KEENYA KEESSA JIRAN: Amaariffa: Yeyihowa Misikiroch Baʼitiyophiyaa-Natsaannat Aafqaariiwoch (birooshura seenaa tiʼookraasii Itoophiyaa qabateefi lammaffaa maxxanfame); Ingiliffa: Siingi tuu Jehoovaa Vookaal oon CD diiski Lakk.5; Afaan Sidaamaa: Dubbisuufi Barreessuu, buukleetii ‘Bartootakoo Godhaa!’ (gaaffii cuuphaa); Afaan Sumaalee: Tiraaktii: Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi