Sagantaa Torban Onkoloolessa 1 Jalqabu
TORBAN ONKOLOOLESSA 1 JALQABU
Faarfannaa 45fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w09 6/15 ful. 16-17, key.1-7 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Dan. 4-6 (Daq. 10)
Lakk. 1: Dan. 4:18-28 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Kiristiyaanonni Dhugaan Gocha Hafuura Xuraaʼummaarraa Fagaachuu Kan Qaban Maaliifi? (Daq. 5)
Lakk. 3: Hamminni Baayʼachuunsaa Maal Argisiisa?—rs ful. 237, key. 1-2 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 5: Sanbadduraa Jalqabaatti Qayyabanna Jalqabsiisaa. Maxxansa Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼe raabsuuf akkaataa dhiheenyaa fuula 4rra jirutti fayyadamuudhaan Sanbadduraa jalqabaa jiʼa Onkoloolessaatti hojiin argisiisni akkamitti qayyabannaa jalqabsiisuun akka dandaʼamu argisiisu akka dhihaatu godhi. Hundumtuu kanarratti hirmaannaa akka godhan jajjabeessi.
Daq. 15: Waggaa Darbe Maal Raawwanne? Haasaa ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin dhihaatu. Wanta isaan hojjetaniif erga galateeffattee booda, fooyyaʼiinsa isaan gochuu qabanis itti himi. Babalʼisaa tajaajilarratti muuxannoo nama jajjabeessu argate tokko ykn lamaaf gaafannoo godhi. Wanta gumichi waggaa dhufutti fooyyessuu qabu tokko ykn lama dubbadhu; achiis yaadawwan hojiirra ooluu dandaʼaniifi fooyyaʼiinsa kana gochuuf gargaaran kenni.
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Onkoloolessaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 26fi Kadhannaa