Faarfannaa 26
Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’i!
1. Waaqaa wajjin deddeebi’ii;
Nama dhugaa ta’ii.
Yihowaadhaaf amanami;
Isattis firomii.
Dhugaaf iddoo guddaa kenni,
Sin gowwoomsiin namnii;
Waaqni akkuma daa’imaa,
Si qabee aadeemaa.
2. Waaqaa wajjin deddeebi’ii;
Cubbuurraa deebi’ii.
Ga’eessummaatti guddadhu,
Waaqatti dhihaadhuu.
Waan qulqulluuf dhugaarrattii
Dhugaafi qajeelaa,
Xiinxali hamma dhumaattii,
Amani Waaqattii.
3. Waaqaa wajjin deddeebi’ii,
Kan gammadduu ta’ii.
Fakkaachuf yaali Waaqayyoon,
Hunda ni caala kun.
Waaqaa wajjin deddeebi’ii;
Isa faarsuu ka’ii.
Mootummaasaa yeroo fiduu
Ni gammadda hedduu.
(Dabalataan Uma. 5:24; 6:9; Filp. 4:8; 1 Xim. 6:6-8 ilaali.)