Beeksisa
◼ Barreeffamoota raabsaman Sadaasaafi Muddee: Babalʼistoonni tiraaktota armaan gadii keessaa isa tokko raabsuu dandaʼu: Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada!, ykn Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? Fedhii yoo qabaate, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ykn birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamuudhaan, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akkamitti akka godhamu itti argisiisaa. Amajjiifi Guraandhala: Birooshuroota fuula 32 qabaniifi armaan gaditti argaman raabsuun ni dandaʼama: Dhugumaan Waaqayyo Waaʼee Keenya Ni Yaadaa?, Namni Jaallattan Yeroo Duʼu, ykn Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa. Deddeebii gaaffii yeroo gootan, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu ykn caalaatti nama sanaaf barbaachisaa yoo taanaanimmoo birooshuroota Waaqayyoon Dhaggeeffadhu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhaman keessaa isa tokkotti fayyadamaa; akkasumas qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.