Sagantaa Torban Muddee 3 Jalqabu
TORBAN MUDDEE 3 JALQABU
Faarfannaa 32fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w08 4/15 ful. 3-4 key.1-8 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Naho. 1–An. 3 (Daq. 10)
Lakk. 1: An. 2:1-14 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Dhugaa Yeroo Dubbannu Karaa Akka Itti Amannu Argisiisuun Dubbachuu Kan Qabnu Maaliifi?—2 Xim. 1:7, 8 (Daq. 5)
Lakk. 3: Waaqayyo Namoota Hamoo Utuu Hin Balleessin Hanga Ammaatti Kan Ture Maaliifi?—rs ful. 240, key. 5-7 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 10: Yaadawwan Jiʼa Muddeetti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Matadureewwan naannoo tajaajilaa keessaniif taʼan tokko tokko sekoondii 30 hanga 60 gidduutti ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼanitti fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan akka dubbatan afeeri. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma erga gootee booda, yoo yeroon si gaʼe barruulee lamaan keessaa isa tokkorraa mataduree kan biraa tokkorrattis ibsa kenni. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Daq. 10: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 10: Muuxannoowwan Tiraaktota Raabsuudhaan Argaman. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa mareedhaan kan dhiheessu. Babalʼistoonni muuxannoowwan jiʼa Sadaasaatti yeroo tiraaktota raabsan argatan akka dubbatan afeeri. Babalʼistoonni tiraaktota raabsuudhaan milkaaʼina argatan lama, hojiin argisiisa yeroo manaa gara manaatti lallabanitti akkamitti akka raabsan argisiisu akka dhiheessan godhi.
Faarfannaa 44fi Kadhannaa