LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/12 ful. 3
  • Of Hin Daangessinaa—Yommuu Hojiin Isinitti Baayʼatu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Of Hin Daangessinaa—Yommuu Hojiin Isinitti Baayʼatu
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Geggeessuu Hin Sodaatinaa!
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Sagantaa Maatii Hojiirra Ooluu Danda’u Baasaa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu Guddina Godhanii Akka Cuuphaman Gargaaruu—Kutaa Tokko
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Dhaabbataadhaan Qoʼachuuf Maaltu Si Gargaara?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2012
km 11/12 ful. 3

Of Hin Daangessinaa​—Yommuu Hojiin Isinitti Baayʼatu

1. Babalʼistoonni tokko tokko namoonni Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeruurraa duubatti kan jedhan maaliifi?

1 Babalʼistoonni tokko tokko hojiin waan isaanitti baayʼatuuf namoonni Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan afeeruurraa duubatti jedhu. Nama Macaafa Qulqulluu qayyabatu tokko gargaaruun yeroo gaafata. Qayyabannaadhaaf qophaaʼuun, qayyabannaa sana geggeessuuniifi rakkina isa mudate akka moʼu isa gargaaruun yeroo gaafata. Phaawulos ergamaan, namoonni Tasaloniiqee Yihowaa akka beekan gargaaruuf lubbuusaallee akka isaaniin gaʼe dubbateera. (1 Tas. 2:7, 8) Maarree hojiin kan nutti baayʼatu yoo taʼeyyuu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu kan dandeenyu akkamitti?

2. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, akkaataa yeroo keenya itti fayyadamnurratti jijjiirama kan fidu akkamitti?

2 Waaqeffannaan Yeroo Gaafata: Waaqeffannaan yeroo akka gaafatu beekamaadha. Fakkeenyaaf, yeroo hunda walgaʼiirratti argamuuf, tajaajilarratti hirmaachuuf, Macaafa Qulqulluu dubbisuufi kadhannaa dhiheessuuf yeroo ramadna. Namni hojiin itti baayʼatu tokkos, yeroo hiriyaa gaaʼelaasaa wajjin dabarsu ni ramada. Yihowaa waan jaallannuuf, nutoo caalaatti wantoota kana raawwachuuf yeroo nuuf kenname ‘utuu hin dabarsin’ gammachuudhaan itti hojjechuu hin qabnuuree? (Efe. 5:15-17; 1 Yoh. 5:3) Akka Yesus dubbatetti, hojiin bartoota gochuu kutaa waaqeffannaa keenya keessaa isa guddaadha. (Mat. 28:19, 20) Kanaarratti xiinxaluun keenya, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf itti gaafatamummaa fudhachuurraa duubatti akka hin jenne nu gargaara.

3. Haalawwan tokko tokko sagantaa tajaajilaa keenya yeroo nu jalaa faallessanitti, nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnuuf akka yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Haataʼu malee hojiin keenya, dhibeen fayyaa cimaan ykn hojiin tiʼookraasii sagantaa keenya yoo nu jalaa faallessehoo maal gochuu qabna? Babalʼistoonni fagaatanii adeeman tokko tokko darbee darbee bilbilaan ykn kompiitaraan fayyadamanii qayyabannaa Macaafa Qulqulluusaanii geggeessu. Babalʼistoonni dhibee fayyaatiin sagantaansaanii jalaa faallessus, namni qayyabsiisan sun gara manasaanii akka dhufu gochuu dandaʼu. Warri kaanimmoo babalʼisaa yeroo isaan hin jirretti sagantaasaa eegee namoota kana qayyabsiisu qopheessu.

4. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuurratti hirmaachuun eebba akkamii argamsiisa?

4 Phaawulos, namoonni waaʼee dhugaa akka baratan gargaaruuf yeroofi humnasaa kennuusaatti gammachuu guddaa argateera. (HoE. 20:35) Kanaaf, waaʼee namoota Tasanoliiqeetti gargaare hundumaa yeroo yaadu, Yihowaa galateeffateera. (1 Tas. 1:2) Hojiin nutti baayʼatus, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuurratti kan hirmaannu yoo taʼe, gammachuun tajaajilarraa argannu dabalaa adeema.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi